GAGGEESSUMMAA


Channel's geo and language: India, Tamil
Category: Psychology


👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Related channels

Channel's geo and language
India, Tamil
Category
Psychology
Statistics
Posts filter


Forward from: 𝙷𝙾𝙿𝙴 𝙿𝚁𝙾𝙼𝙾𝚃𝙸𝙾𝙽™
Hojii hedduu online hojjennu biyya kana keessa jiran kan kaffaltii gaarii irraa argannu jiru, isaan akkasii irratti hojjechuu yoo barbaaddani website kana irraa guutummaa isaa argachuu dandeessu
👇🏿👇🏿
Beekaa Jobs


GAARUMMAA GOCHUUN OFIIF!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Yoomiyyuu, eessattiyyuu, haala kamiyyuu keessatti gaarummaa gooteef galata hin dhabdu! Tokkoo tokkoon tola ooltummaa keetiin, akka nama midhaan gumbiitti kuusuutti, qabeenya kee bakka hattuun hin hannetti kuufataa jirta.

Ati garuu,
  ⁃ Namootatti of muldhisuuf,
  ⁃ Beekamtii barbaachaaf,
  ⁃ Of tuulummaadhaaf,
  ⁃ Maqaa itti argachuuf,
  ⁃ Anummaadhaaf
  ⁃ Maallaqa barbaachaaf
  ⁃ Nama irraa argachuuf
jettee hin hojjetin! Namootatti of muldhisuuf jettee hojjetta taanaan carraa akkasii yoo dhabde, kophaa keetti hiikni gaarummaa hojjechuu keetii faallaa ta'a.

Eenyummaan inni sirriin isa ati waltajjii fuulduratti gootu utuu hin ta'in isa kophaa kee yeroo jirtu raawwattuu dha. Hojiin kee inni dhoksaatti hojjettu gadi bahee ifatti muldhachuun isaa waan hin hafneef eenyummaa keetiif murteessaa dha. Beekamtii barbaachaaf hammam illee gaarummaa godhi; qajeelummaadhaan ta'uu baannan uffata kee isa adiitti cilee dibda.

❏ Hojiinii fi gaarummaaan akkasumas tola ooltummaan kee yeroo isaa eegee akka gadi deebi'uu hin dandeenyetti olbaasee si muldhisa!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


#𝙰𝚍𝚜
Telegram Group For Sale:

📌 Group: @Daandii_Guddinaa
📌 Members: 1,014+
📌 Created year: 2021
📌 Price: Agreement

Contact: @Getu_Abera
@bittaafigurgurtaachannel


Milkaa'inni irra deddeebi'anii yaaluu fi Abdii muruu dhiisuu irraan dhufti
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
#Toomaas Ediisan abbaan argannoo ‘Ampuulii’ ijoollummaa isaatti barnoota dadhabuudhaan mana barumsaa irraa akka ar'atamu taasifame. Guyyaa tokko barsiiftuun isa barsiiftu xalayaa akkas jedhu barreessitee itti laattee akka inni galee maatii isaatti kennuuf itti himte. Xalayichi akkas jedha. “Toomiin kee barumsa waan hin dandeenyeef,akka lammata mana barumsaatti hin ergine!’’ jettee xalayaa barreessitee isumatti laatte.

Ediisan dubbisuu waan hin dandeenyeef, xalayicha osoo banee hin ilaaliin akkuma jirutti galchee harmee isaatti laate. Harmeen isaa xalayicha dubbistee, hirqistee boosse. Innis harmee isaatiin.....“Maal taate?” jedhee gaafate. Isheenis....“Toomiin kee cimaadha!” jettee barsiiftuun kee xalayaa naaf barreessite......“Kana booda mana barumsaa hin deemtu. Manumattin si barsiifadha!” jetteen Toomiidhaan.

Akka seenaan isaa jedhutti ji'oota lama qofa barate Toomaas Ediisan. Garuu, abbaa argannoo addunyaa kanaa ifa nuuf laataa jirtuuti. Ampuulii kalaquuf yeroo 9999 yaalee, si'a 10000 irratti milkaa'e. Isayyuu xumura irratti ampuulii kalaqee hojjettoota isaa keessaa nama tokkotti akkanni bakka wayii ka'uuf itti laate. Innis harkaa fuudhee battaluma sanatti ampuulichi lafa harkaa rukutee caccabe. Eediisan dadhabbii amma kanaa itti dadhabee.....yeroo amma kanaa itti fixee yommuu jalaa caccabu, baay'ee nama hin aarsu. Nama aarsa dhugaa dubbachuuf! Ammas abdii muree hin dhiisne. Irra deebi'ee hojjechuu isaati. Hojjetee ammas hojjetaadhuma gaafa jalqabaa sanatti deebisee laate.

Hojii Eedisan kana irraa irra deddeebi'anii yaaluun milkaa'ina akka namaaf argamsiiftu barachuun baay'ee salphata. Abdii muruu dhiisuu dabalatee jechuudha.

Henerii Foordii abbaan argannoo konkolaataa, guyyaa tokko akkas jedheen Eedisaniin...“Wanti kun tasumaa hin danda'amu;koottuutii na waliin kaampaanii koo keessa hojjennaa!” jedheen. Kanas hin dhageenye inni. Xumura irratti ampuulii hojjetee...“Inni ati hin danda'amu jette sun;ni danda'ama!” jechuun ampuulicha itti agarsiisuu danda'eera. Ajaa'iba!

Pirezedaantii Ameerikaa 16ffaa kan ture Abrahaam Liinkan waggaa isaa 52ffaatti Ameerikaa bulchuuf carraa argate. Sanaan dura garuu kufaatii danuu jireenya isaa keessatti nama keessummeessedha. Garuu, mormiiwwanii fi kufaatii amma kanaatiif abdii muree dhiisuu hin dandeenye. Irra deddeebi'ee yaaluudhaan milkaa'eera!

Bulchaan guddaan Afrikaa Kibbaa duraanii, Nelsan Maandellaan bilisummaa uummata gurraachaa fiduuf waggoota 27'f mana siirreessaa keessa ture. Achiitii ba'ee Pirezedaantii Afrikaa Kibbaa ta'uu danda'eera. Wal-qixxummaa Adiif Gurraachaas mirkaneessuu danda'eera. Badhaasa beekamaa Addunyaa ‘Nobel Peace Prize’ fudhachuus danda'eera. Ajaa'iba. Wanti hundi kutannoo gaafatti!

Walumaagalatti, waan hundi kutannoo, irra deddeebi'anii yaaluu, abdii muruu dhiisuu irraan dhufa! Galatoomaa!

Egaa jedhaa! Walitti deebina yeroo biraa! Dubbisaa! Dubbisuun hanga du'aattiidha!

Oro Inspire Center
MotivationalTips
Gaggeessummaa


NAMA AKKAMIITU HIRIYAA GAA’ELAA GAARII TA’A?

❍  Hiriyaa gaa'elaa ogummaadhaan filachuudhaaf maaltu si gargaara?
👇
https://gracemedia.kbibleverse.com/hiriyaa-gaaelaa/
https://gracemedia.kbibleverse.com/hiriyaa-gaaelaa/


WANTOOTA KUDHAN (10) NAMOONNI DU'UUF DEEMAN ITTI GAABBAN:
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Biyya Awurooppaa Hospitaala tokko keessatti Narsoonni (Nurse) dhukkubsattoota wal'aansa ulfaataa irra utuu jiranii dhibeen isaanii akka hin fayyine itti himame irratti qorannoo gaggeessan.

Dhukkubsattoonni sun warra akka du'an itti himame garuu immoo Hospitaaluma keessa iddoo "Hospice" jedhamtu akka ciisan godhaman. Wanti isaaniif barbaachisu hundisaa achumatti dhiyaataaf hanga du'anitti; yeroo kana narsoonni isaan san tajaajila namoota kana interview godhuu jalqaban

Akkuman jedhe isaan kun warra du'uuf ji'a sadi yookiin ji'a jaha hafeefidha.

❍ Gaaffiin narsoonni kun gaafatan akkana jedha: "Bara jiraattee keessatti wanti akka malee si gaabbisiisu maali?" Kan jedhudha. Tokko tokkoon irra deemanii interview godhanii wanta isaan hundi jedhan akka armaan gadii kanatti kaa'an:

#1. Gammadaa hin turre. Baran jiraadhee guutuu gammadee hin beeku; gammadaa ta'uuf wantoota alarraatin eegaa ture kan jedhan, kana malee miti gammachuuf beellama qaba ture, gaafa makiinaa bitadhe gaafa mucaan kiyya fuudhe, heerume gaafa digrii fudhadhe jechaa jiraachaa ture kun akka malee na gaabbisiisa" jedhan.

#2. Beekumsaan of-hin guddisne. Carraa barachuu hedduun qaba garuu barachuu hin dandeenye. Wantoota na barsiisanii fi namoota na barsiisan hedduutu na bira jira garuu ani gara galee hin ilaalle kun na gaabbisiisa jedhan.

#3. Ofii koo hin tajaajille. Akka maashinaatti hojjechuu malee qaama kiyya hin tajaajille. Ispoortii hin hojjanne. Nyaata qaamni kiyya barbaadu hin nyaachifne kunoo har'a siree irratti na galche kun na gaabbisiisa.

#4. Haaloo fi jibbiinsaanin jiraadhe. Namoota hedduun aarsaa fi arrabsaa jiraadhe. Nama hedduun garaatti qabadhee miidhaa ture. Hiyyeessa hedduun boochisaa ture, namoota hedduu haaloo itti qabadhee akka malee jibbaa ture har’a du'uuf ji'a sadiitu naaf hafe wanta dabruuf jedheen wanta hafu hojjedhe kun akka malee na gaabbisiisa.

#5. Namoota osoon gargaaruu danda'uu hin gargaarre. Qabeenya hedduun qaba waan hedduutu harka kiyyarra jira garuu osoon humna qabuu namaaf humna hin taane. Ijoolleen haadhaa fi fira kiyyaa osoo akkan ani gargaaru barbaadduu garuu ani gargaaruu hin barbaanne. Rakkataa ollaa kiyya jiru osoon rakkina isaa arguu akka nama hin argineettin ija cufadhee bira darbee jiraachaa ture. Har'a qabeenya san hunda dhiisee deemuufin deema kun akka malee na gaabbisiisa.

#6. Waanin carraaqeef hin beeku. Ganamaa galgala akka addaattin hojjachaa ture. Roobaa fi caama keessa deemee qabeenya taatu fidadhee garuu hiikaa itti dhabe, maaliif akkan dhama'e dhabe, maal akkan dogongore hin beeku, fiiguu malee maalif akkan fiigu hin beeku, addunyaa ari'uu malee waan takka hin agarre, kunoo har'a humna dhabe. Kun akka malee na gaabbisiisa

#7. Abjuu kiyyaaf hin jiraanne. Waggaa digdama guutuu waajjira tokko keessan hojjadhe. Company tokko qofaafin umrii kiyya guutuu fixe, garuu homaa na hin gammachiisne. Dhugaadha maallaqa itti argadhe, garuu abjuu kiyya ganamaa jiraachuu hin dandeenye. Kennaa rabbiin naaf kenne ol baasee itti hin fayyadamne akkuman bakka tokkotti hidhamee hojjetaa turetti kunoo irraa deemuuf deema. Kun akka malee na gaabbisiisa.

#8. Maatii kiyyaaf yeroo hin kennine. Guyyaa hunda fiiguu malee mana kiyya ol garagalee hin ilaalle! Ijoolleen kiyya akka ani wajjin taphadhu feeti, ani garuu isaaniif argamuu hin dandeenye, hojiidha utuun jedhuu, walgahiidha utuun jedhuu, maatii kiyya irraanfadhe, kunoo har'a utuu isaan hin quufin deemuufin deema. Kun akka malee na gaabbisiisa.

#9. Namootaaf jaalala kiyya hin ibsine. Namoota hedduu jaalala kiyya barbaadan akkan jaaladhu itti hin himne, itti hin argisiisne. Haadhaa fi abbaa kiyya wajjin taa'ee jaalala isaan anarraa barbaadan hin kennineef. Hedduutu osoo na dheebotuu akka na dheebotutti kute. Kun akka malee na gaabbisiisa jedhu

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


❏ Gaaffilee Gaa’elaa fi Misirroota irratti ka'an ilaalchisee yaada akkamiitu sammuu keenyatti dhufuu danda'a?
—Yihuudaa 1:18-21

https://tinyurl.com/2yxdcf5d
https://tinyurl.com/2yxdcf5d


Qabeenya Guddaa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Qabeenyi kee inni guddaan bakki itti kuufamee argamu eessadha beektaayii? Sammuu kee keessatti; kanaaf sammuu keetiif eeggannoo godhadhu!

Eeee...
Waan hunda irraa ol fagaadhuu imali; adaduma ol siqaa deemtuun, wanti lafa irratti raawwatamu hundi, ijatti si xiqqaataa deemaa beeki; lubbuu malee sammuun kee waan qabatamaa hin qabne hin fudhattu, nagaan jiruu kee jiraattaa, mee al tokko ol siqii socho’i, kuufama beekumsa keetii raajii hedduu argitaa daawwadhu!

Nama nana!...
Nama hundumaaf dhiifama godhi, isa iccitii jiruu keetii  hunda biraa qabdu immoo, kan ofii si gane, lammata amantee wajjin imalaa jirta taanaan, situ of gane, isa dhiisii ofitti araaramii; boqonnaa jiruu haaraa banadhu!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


Hunduu Waan Qabu Kenna!
•═•
Lagni bishaan siif kenna
Gaafa ati dheebottu
Manni ho’a siif kenna
Gaafa ati dhaamottu
Muka bosonaa argatta
Kan mana ittiin ijaartu
Galaanni immoo qurxummii
Kan affeellattee nyaattu

Mi’a gatii jabeessa
Gabaa qaalii irraa argatta
Riqicha bishaan qabu
Bidiruudhaan dabarta
Waan hin qabne argachuuf
Isa qabu harka ilaalta
Atis waan qabdu hiixadhu
Xiqqaatu tokko in caalta!

Garuu......

Xaddee foon hin kadhatin
Qoraattiin si waxalti
Salphoo ulfina hin kadhatin
Udaaniin siqabatti
Machooftuu hin hammatin
Bulgaatiin si lollaati
Nama badii hin qoccolin
Dhuftee hiriyaa kee taati
Addaggeetti hin shirkoomiin
Mataa irratti ol si baati
Daa’ima qullaa hin baatin
Wayyaa kee irratti albaati

Kotte duudaa hin hooksiin
Ilkaantu sirraa dhuma
Hunduu waan qabu kenna
Jireenyatu akkasuma.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


"Akkan ani jedhe fardatu dide, akka fardi jedhe anatu dide kanatti karaa irraa maqne."
Mammaaksa Oromoo

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


𝗠𝗔𝗔𝗟𝗟𝗔𝗤𝗡𝗜 𝗡𝗔𝗠𝗔 𝗛𝗜𝗡 𝗗𝗨𝗥𝗢𝗢𝗠𝗦𝗨
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❶. Maallaqni meeshaadha malee galma miti. Maallaqni mala kaayyoo tokkoof malee mataa isaatiin kaayyoo miti. Wantoota gurguddoo galmaan ga’uuf itti fayyadamuu ni danda’ama, garuu furtuu gammachuu yookiin guutummaa hin ta’u.

❷. Qabeenyi dhugaan qarshii qofa miti. Qabeenyi dhugaan wantoota akka fayyaa, hariiroo fi miira kaayyoo of keessatti qabata. Wantoonni dhuguma gammachuu fi guutummaa si taasisan kana.

❸. Furtuun milkaa’ina maallaqaa, beekumsaa fi hojii cimaa dha. Maallaqni sitti dhufa jettee teessee qofa eeguu hin dandeessu. Waa’ee faayinaansii barachuuf fedhii qabaachuu fi kaayyoo kee galmaan ga’uuf cimtee hojjechuu qabda.

❹. Yaadni kee barbaachisaa dha. Akkaataan ati waa’ee maallaqaa itti yaaddu milkaa’ina maallaqaa kee irratti dhiibbaa guddaa qabaata. Yoo yaada gadhee qabaatte carraan kufaatii kee guddaadha.

➎. Karoora qabaachuu qabda.
Yeroo faayinaansii kee ilaaltu qofa baallee hin godhin. Taa'ii akkaataa kaayyoo kee galmaan ga'uuf itti deemtu karoora baafadhu.

➏. Naamusa qabaachuu! Maallaqa yoo ilaalle karaa irraa maquun salphaadha. Milkaa’uu yoo barbaadde garuu naamusa qabaachuu fi karoora kee irratti cichuu qabda.

➐. Deebisii kenni! Milkaa’ina maallaqaa argachuuf karaaleen gaariin tokko namoota biroof deebisanii kennuudha. Yeroo nama gargaartu ofis gargaaraa jirta.

➑. Balaa fudhachuu hin sodaatinaa. Wantoota gurguddoo galmaan gahuu yoo barbaadde balaa fudhachuuf fedhii qabaachuu qabda. Garuu of eeggannoo hin godhinaa jechuu miti. Balaa shallagame kan ati itti amantu fudhadhu.

➒. Obsa qabaadhu! Milkaa’ina maallaqaa argachuuf yeroo fudhata. Hatattamaan bu'aa yoo hin argiin abdii hin kutatin. Cimtee hojjechuu qofa itti fufi dhumarratti galma kee bira ni geessa.

➓. Waaqayyoon amanadhu!
Waaqayyo akka ati milkaa'u barbaada. Yoo Isa amanattee fi seera bu’uuraa isaa hordofte, Inni galma maallaqaa kee galmaan ga’uuf si gargaara.

✧ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!
       Gαℓαтσσмαα!!!
        Υєʀσσ Gααʀιι

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


👆👆
❌❌ Gurgurameera (Solded) ❌❌
@bittaafigurgurtaachannel


Qabxiilee Shan Mukaa’uu Fi Miira Yaadda’uu Ittisuuf Gargaaran maal fa'a?... See more. As tuquudhaan Itti fufaa dubbisaa!


#bittaafigurgurtaachannel


• People will throw stones at you, don't throw them back. Collect them and build an empire.

• Namoonni dhagaa sitti darbatu, ati deebiftee itti hin darbatin. Walitti qabuudhaan gamoo ittiin ijaari!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


👆👆
❌❌ Gurgurameera ❌❌

@bittaafigurgurtaachannel


✧ Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha.

Believe in your Potential
Gaggeessummaa


Dhaloonni baay'een warqii ta'uu isaanii wallaaluun warqii barbaadutti karaa fagoo imalu!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
• Of qabaachuun kee warqii qabaachuu caala!
• Of qaalessi of hin tuffatin!
• Of kabaji!
• Yaada gadheetti diina ta'i!
• Har'a caalaa boru firoomfadhu!
• Of argi of wallaalin!
• Of jajjabeessi of hin abaarin!
• Of eebbisaa jiraadhu!
• Gammadaa hojjedhu; hojjechaa gammadi!

Motivational Tips
Oro Inspire Center

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


#bittaafigurgurtaachannel


#Re-post
▬▬▬▬▬▬
Addunyɑɑ kɑnɑ irrɑtti nɑmɑ bɑrbɑɑchisɑɑ fi kɑɑyyoof dhɑlɑte tɑɑtee ɑrgɑmuuf wɑntootɑ ɑrfɑn 【4】 kɑnɑ yɑɑdɑtti qɑbɑdhu.

➊. Gonkumɑɑ hin ɑriifɑtin❗
➋. Gonkumɑɑ hin dhiphɑtin❗
➌. Gonkumɑɑ ɑbdii hin kutin❗
➍. Gonkumɑɑ wɑntɑ xiqqoon qɑbɑmtee hin dhɑɑbbɑtin❗

      — Miretuu Shɑɑnqoo


Kristaannummaan guddina Miidiyaa guddaatu nuuf mala Obboloota keessaniif share godhaa biyya hundaan gahaa itti eebbifamaa

        @Gaggeessummaa
        @Gaggeessummaa

.

20 last posts shown.