GAGGEESSUMMAA


Гео и язык канала: Индия, Тамильский
Категория: Психология


👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Связанные каналы

Гео и язык канала
Индия, Тамильский
Категория
Психология
Статистика
Фильтр публикаций


#𝙰𝚍𝚜
Telegram Group For Sale:

📌 Group: @Daandii_Guddinaa
📌 Members: 1,014+
📌 Created year: 2021
📌 Price: Agreement

Contact: @Getu_Abera
@bittaafigurgurtaachannel


Milkaa'inni irra deddeebi'anii yaaluu fi Abdii muruu dhiisuu irraan dhufti


#Toomaas Ediisan abbaan argannoo ‘Ampuulii’ ijoollummaa isaatti barnoota dadhabuudhaan mana barumsaa irraa akka ar'atamu taasifame. Guyyaa tokko barsiiftuun isa barsiiftu xalayaa akkas jedhu barreessitee itti laattee akka inni galee maatii isaatti kennuuf itti himte. Xalayichi akkas jedha. “Toomiin kee barumsa waan hin dandeenyeef,akka lammata mana barumsaatti hin ergine!’’ jettee xalayaa barreessitee isumatti laatte.

Ediisan dubbisuu waan hin dandeenyeef, xalayicha osoo banee hin ilaaliin akkuma jirutti galchee harmee isaatti laate. Harmeen isaa xalayicha dubbistee, hirqistee boosse. Innis harmee isaatiin.....“Maal taate?” jedhee gaafate. Isheenis....“Toomiin kee cimaadha!” jettee barsiiftuun kee xalayaa naaf barreessite......“Kana booda mana barumsaa hin deemtu. Manumattin si barsiifadha!” jetteen Toomiidhaan.

Akka seenaan isaa jedhutti ji'oota lama qofa barate Toomaas Ediisan. Garuu, abbaa argannoo addunyaa kanaa ifa nuuf laataa jirtuuti. Ampuulii kalaquuf yeroo 9999 yaalee, si'a 10000 irratti milkaa'e. Isayyuu xumura irratti ampuulii kalaqee hojjettoota isaa keessaa nama tokkotti akkanni bakka wayii ka'uuf itti laate. Innis harkaa fuudhee battaluma sanatti ampuulichi lafa harkaa rukutee caccabe. Eediisan dadhabbii amma kanaa itti dadhabee.....yeroo amma kanaa itti fixee yommuu jalaa caccabu, baay'ee nama hin aarsu. Nama aarsa dhugaa dubbachuuf! Ammas abdii muree hin dhiisne. Irra deebi'ee hojjechuu isaati. Hojjetee ammas hojjetaadhuma gaafa jalqabaa sanatti deebisee laate.

Hojii Eedisan kana irraa irra deddeebi'anii yaaluun milkaa'ina akka namaaf argamsiiftu barachuun baay'ee salphata. Abdii muruu dhiisuu dabalatee jechuudha.

Henerii Foordii abbaan argannoo konkolaataa, guyyaa tokko akkas jedheen Eedisaniin...“Wanti kun tasumaa hin danda'amu;koottuutii na waliin kaampaanii koo keessa hojjennaa!” jedheen. Kanas hin dhageenye inni. Xumura irratti ampuulii hojjetee...“Inni ati hin danda'amu jette sun;ni danda'ama!” jechuun ampuulicha itti agarsiisuu danda'eera. Ajaa'iba!

Pirezedaantii Ameerikaa 16ffaa kan ture Abrahaam Liinkan waggaa isaa 52ffaatti Ameerikaa bulchuuf carraa argate. Sanaan dura garuu kufaatii danuu jireenya isaa keessatti nama keessummeessedha. Garuu, mormiiwwanii fi kufaatii amma kanaatiif abdii muree dhiisuu hin dandeenye. Irra deddeebi'ee yaaluudhaan milkaa'eera!

Bulchaan guddaan Afrikaa Kibbaa duraanii, Nelsan Maandellaan bilisummaa uummata gurraachaa fiduuf waggoota 27'f mana siirreessaa keessa ture. Achiitii ba'ee Pirezedaantii Afrikaa Kibbaa ta'uu danda'eera. Wal-qixxummaa Adiif Gurraachaas mirkaneessuu danda'eera. Badhaasa beekamaa Addunyaa ‘Nobel Peace Prize’ fudhachuus danda'eera. Ajaa'iba. Wanti hundi kutannoo gaafatti!

Walumaagalatti, waan hundi kutannoo, irra deddeebi'anii yaaluu, abdii muruu dhiisuu irraan dhufa! Galatoomaa!

Egaa jedhaa! Walitti deebina yeroo biraa! Dubbisaa! Dubbisuun hanga du'aattiidha!

Oro Inspire Center
MotivationalTips
Gaggeessummaa


NAMA AKKAMIITU HIRIYAA GAA’ELAA GAARII TA’A?

❍  Hiriyaa gaa'elaa ogummaadhaan filachuudhaaf maaltu si gargaara?
👇
https://gracemedia.kbibleverse.com/hiriyaa-gaaelaa/
https://gracemedia.kbibleverse.com/hiriyaa-gaaelaa/


WANTOOTA KUDHAN (10) NAMOONNI DU'UUF DEEMAN ITTI GAABBAN:
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Biyya Awurooppaa Hospitaala tokko keessatti Narsoonni (Nurse) dhukkubsattoota wal'aansa ulfaataa irra utuu jiranii dhibeen isaanii akka hin fayyine itti himame irratti qorannoo gaggeessan.

Dhukkubsattoonni sun warra akka du'an itti himame garuu immoo Hospitaaluma keessa iddoo "Hospice" jedhamtu akka ciisan godhaman. Wanti isaaniif barbaachisu hundisaa achumatti dhiyaataaf hanga du'anitti; yeroo kana narsoonni isaan san tajaajila namoota kana interview godhuu jalqaban

Akkuman jedhe isaan kun warra du'uuf ji'a sadi yookiin ji'a jaha hafeefidha.

❍ Gaaffiin narsoonni kun gaafatan akkana jedha: "Bara jiraattee keessatti wanti akka malee si gaabbisiisu maali?" Kan jedhudha. Tokko tokkoon irra deemanii interview godhanii wanta isaan hundi jedhan akka armaan gadii kanatti kaa'an:

#1. Gammadaa hin turre. Baran jiraadhee guutuu gammadee hin beeku; gammadaa ta'uuf wantoota alarraatin eegaa ture kan jedhan, kana malee miti gammachuuf beellama qaba ture, gaafa makiinaa bitadhe gaafa mucaan kiyya fuudhe, heerume gaafa digrii fudhadhe jechaa jiraachaa ture kun akka malee na gaabbisiisa" jedhan.

#2. Beekumsaan of-hin guddisne. Carraa barachuu hedduun qaba garuu barachuu hin dandeenye. Wantoota na barsiisanii fi namoota na barsiisan hedduutu na bira jira garuu ani gara galee hin ilaalle kun na gaabbisiisa jedhan.

#3. Ofii koo hin tajaajille. Akka maashinaatti hojjechuu malee qaama kiyya hin tajaajille. Ispoortii hin hojjanne. Nyaata qaamni kiyya barbaadu hin nyaachifne kunoo har'a siree irratti na galche kun na gaabbisiisa.

#4. Haaloo fi jibbiinsaanin jiraadhe. Namoota hedduun aarsaa fi arrabsaa jiraadhe. Nama hedduun garaatti qabadhee miidhaa ture. Hiyyeessa hedduun boochisaa ture, namoota hedduu haaloo itti qabadhee akka malee jibbaa ture har’a du'uuf ji'a sadiitu naaf hafe wanta dabruuf jedheen wanta hafu hojjedhe kun akka malee na gaabbisiisa.

#5. Namoota osoon gargaaruu danda'uu hin gargaarre. Qabeenya hedduun qaba waan hedduutu harka kiyyarra jira garuu osoon humna qabuu namaaf humna hin taane. Ijoolleen haadhaa fi fira kiyyaa osoo akkan ani gargaaru barbaadduu garuu ani gargaaruu hin barbaanne. Rakkataa ollaa kiyya jiru osoon rakkina isaa arguu akka nama hin argineettin ija cufadhee bira darbee jiraachaa ture. Har'a qabeenya san hunda dhiisee deemuufin deema kun akka malee na gaabbisiisa.

#6. Waanin carraaqeef hin beeku. Ganamaa galgala akka addaattin hojjachaa ture. Roobaa fi caama keessa deemee qabeenya taatu fidadhee garuu hiikaa itti dhabe, maaliif akkan dhama'e dhabe, maal akkan dogongore hin beeku, fiiguu malee maalif akkan fiigu hin beeku, addunyaa ari'uu malee waan takka hin agarre, kunoo har'a humna dhabe. Kun akka malee na gaabbisiisa

#7. Abjuu kiyyaaf hin jiraanne. Waggaa digdama guutuu waajjira tokko keessan hojjadhe. Company tokko qofaafin umrii kiyya guutuu fixe, garuu homaa na hin gammachiisne. Dhugaadha maallaqa itti argadhe, garuu abjuu kiyya ganamaa jiraachuu hin dandeenye. Kennaa rabbiin naaf kenne ol baasee itti hin fayyadamne akkuman bakka tokkotti hidhamee hojjetaa turetti kunoo irraa deemuuf deema. Kun akka malee na gaabbisiisa.

#8. Maatii kiyyaaf yeroo hin kennine. Guyyaa hunda fiiguu malee mana kiyya ol garagalee hin ilaalle! Ijoolleen kiyya akka ani wajjin taphadhu feeti, ani garuu isaaniif argamuu hin dandeenye, hojiidha utuun jedhuu, walgahiidha utuun jedhuu, maatii kiyya irraanfadhe, kunoo har'a utuu isaan hin quufin deemuufin deema. Kun akka malee na gaabbisiisa.

#9. Namootaaf jaalala kiyya hin ibsine. Namoota hedduu jaalala kiyya barbaadan akkan jaaladhu itti hin himne, itti hin argisiisne. Haadhaa fi abbaa kiyya wajjin taa'ee jaalala isaan anarraa barbaadan hin kennineef. Hedduutu osoo na dheebotuu akka na dheebotutti kute. Kun akka malee na gaabbisiisa jedhu

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


❏ Gaaffilee Gaa’elaa fi Misirroota irratti ka'an ilaalchisee yaada akkamiitu sammuu keenyatti dhufuu danda'a?
—Yihuudaa 1:18-21

https://tinyurl.com/2yxdcf5d
https://tinyurl.com/2yxdcf5d


Qabeenya Guddaa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Qabeenyi kee inni guddaan bakki itti kuufamee argamu eessadha beektaayii? Sammuu kee keessatti; kanaaf sammuu keetiif eeggannoo godhadhu!

Eeee...
Waan hunda irraa ol fagaadhuu imali; adaduma ol siqaa deemtuun, wanti lafa irratti raawwatamu hundi, ijatti si xiqqaataa deemaa beeki; lubbuu malee sammuun kee waan qabatamaa hin qabne hin fudhattu, nagaan jiruu kee jiraattaa, mee al tokko ol siqii socho’i, kuufama beekumsa keetii raajii hedduu argitaa daawwadhu!

Nama nana!...
Nama hundumaaf dhiifama godhi, isa iccitii jiruu keetii  hunda biraa qabdu immoo, kan ofii si gane, lammata amantee wajjin imalaa jirta taanaan, situ of gane, isa dhiisii ofitti araaramii; boqonnaa jiruu haaraa banadhu!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


Hunduu Waan Qabu Kenna!
•═•
Lagni bishaan siif kenna
Gaafa ati dheebottu
Manni ho’a siif kenna
Gaafa ati dhaamottu
Muka bosonaa argatta
Kan mana ittiin ijaartu
Galaanni immoo qurxummii
Kan affeellattee nyaattu

Mi’a gatii jabeessa
Gabaa qaalii irraa argatta
Riqicha bishaan qabu
Bidiruudhaan dabarta
Waan hin qabne argachuuf
Isa qabu harka ilaalta
Atis waan qabdu hiixadhu
Xiqqaatu tokko in caalta!

Garuu......

Xaddee foon hin kadhatin
Qoraattiin si waxalti
Salphoo ulfina hin kadhatin
Udaaniin siqabatti
Machooftuu hin hammatin
Bulgaatiin si lollaati
Nama badii hin qoccolin
Dhuftee hiriyaa kee taati
Addaggeetti hin shirkoomiin
Mataa irratti ol si baati
Daa’ima qullaa hin baatin
Wayyaa kee irratti albaati

Kotte duudaa hin hooksiin
Ilkaantu sirraa dhuma
Hunduu waan qabu kenna
Jireenyatu akkasuma.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


"Akkan ani jedhe fardatu dide, akka fardi jedhe anatu dide kanatti karaa irraa maqne."
Mammaaksa Oromoo

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


𝗠𝗔𝗔𝗟𝗟𝗔𝗤𝗡𝗜 𝗡𝗔𝗠𝗔 𝗛𝗜𝗡 𝗗𝗨𝗥𝗢𝗢𝗠𝗦𝗨
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❶. Maallaqni meeshaadha malee galma miti. Maallaqni mala kaayyoo tokkoof malee mataa isaatiin kaayyoo miti. Wantoota gurguddoo galmaan ga’uuf itti fayyadamuu ni danda’ama, garuu furtuu gammachuu yookiin guutummaa hin ta’u.

❷. Qabeenyi dhugaan qarshii qofa miti. Qabeenyi dhugaan wantoota akka fayyaa, hariiroo fi miira kaayyoo of keessatti qabata. Wantoonni dhuguma gammachuu fi guutummaa si taasisan kana.

❸. Furtuun milkaa’ina maallaqaa, beekumsaa fi hojii cimaa dha. Maallaqni sitti dhufa jettee teessee qofa eeguu hin dandeessu. Waa’ee faayinaansii barachuuf fedhii qabaachuu fi kaayyoo kee galmaan ga’uuf cimtee hojjechuu qabda.

❹. Yaadni kee barbaachisaa dha. Akkaataan ati waa’ee maallaqaa itti yaaddu milkaa’ina maallaqaa kee irratti dhiibbaa guddaa qabaata. Yoo yaada gadhee qabaatte carraan kufaatii kee guddaadha.

➎. Karoora qabaachuu qabda.
Yeroo faayinaansii kee ilaaltu qofa baallee hin godhin. Taa'ii akkaataa kaayyoo kee galmaan ga'uuf itti deemtu karoora baafadhu.

➏. Naamusa qabaachuu! Maallaqa yoo ilaalle karaa irraa maquun salphaadha. Milkaa’uu yoo barbaadde garuu naamusa qabaachuu fi karoora kee irratti cichuu qabda.

➐. Deebisii kenni! Milkaa’ina maallaqaa argachuuf karaaleen gaariin tokko namoota biroof deebisanii kennuudha. Yeroo nama gargaartu ofis gargaaraa jirta.

➑. Balaa fudhachuu hin sodaatinaa. Wantoota gurguddoo galmaan gahuu yoo barbaadde balaa fudhachuuf fedhii qabaachuu qabda. Garuu of eeggannoo hin godhinaa jechuu miti. Balaa shallagame kan ati itti amantu fudhadhu.

➒. Obsa qabaadhu! Milkaa’ina maallaqaa argachuuf yeroo fudhata. Hatattamaan bu'aa yoo hin argiin abdii hin kutatin. Cimtee hojjechuu qofa itti fufi dhumarratti galma kee bira ni geessa.

➓. Waaqayyoon amanadhu!
Waaqayyo akka ati milkaa'u barbaada. Yoo Isa amanattee fi seera bu’uuraa isaa hordofte, Inni galma maallaqaa kee galmaan ga’uuf si gargaara.

✧ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!
       Gαℓαтσσмαα!!!
        Υєʀσσ Gααʀιι

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


👆👆
❌❌ Gurgurameera (Solded) ❌❌
@bittaafigurgurtaachannel


Qabxiilee Shan Mukaa’uu Fi Miira Yaadda’uu Ittisuuf Gargaaran maal fa'a?... See more. As tuquudhaan Itti fufaa dubbisaa!


#bittaafigurgurtaachannel


• People will throw stones at you, don't throw them back. Collect them and build an empire.

• Namoonni dhagaa sitti darbatu, ati deebiftee itti hin darbatin. Walitti qabuudhaan gamoo ittiin ijaari!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


👆👆
❌❌ Gurgurameera ❌❌

@bittaafigurgurtaachannel


✧ Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha.

Believe in your Potential
Gaggeessummaa


Dhaloonni baay'een warqii ta'uu isaanii wallaaluun warqii barbaadutti karaa fagoo imalu!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
• Of qabaachuun kee warqii qabaachuu caala!
• Of qaalessi of hin tuffatin!
• Of kabaji!
• Yaada gadheetti diina ta'i!
• Har'a caalaa boru firoomfadhu!
• Of argi of wallaalin!
• Of jajjabeessi of hin abaarin!
• Of eebbisaa jiraadhu!
• Gammadaa hojjedhu; hojjechaa gammadi!

Motivational Tips
Oro Inspire Center

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


#bittaafigurgurtaachannel


#Re-post
▬▬▬▬▬▬
Addunyɑɑ kɑnɑ irrɑtti nɑmɑ bɑrbɑɑchisɑɑ fi kɑɑyyoof dhɑlɑte tɑɑtee ɑrgɑmuuf wɑntootɑ ɑrfɑn 【4】 kɑnɑ yɑɑdɑtti qɑbɑdhu.

➊. Gonkumɑɑ hin ɑriifɑtin❗
➋. Gonkumɑɑ hin dhiphɑtin❗
➌. Gonkumɑɑ ɑbdii hin kutin❗
➍. Gonkumɑɑ wɑntɑ xiqqoon qɑbɑmtee hin dhɑɑbbɑtin❗

      — Miretuu Shɑɑnqoo


Kristaannummaan guddina Miidiyaa guddaatu nuuf mala Obboloota keessaniif share godhaa biyya hundaan gahaa itti eebbifamaa

        @Gaggeessummaa
        @Gaggeessummaa

.


Amala Gaggeessummaa Dhugaa Gaggeessummaa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
• Hojjetee itti agarsiisee, hojjechiisa. Jechaan osoo hin taane, Gochaan agarsiisa.
• Karaa kana deemaa jedhee taa'a osoo hin taane, imalee kallattii itti agarsiisa.
• Gaggeessaan dhugaa, hinaaffaa qajeelaa isaaniif qaba: kunis jijjiirama  karaa hunda galeessaan kan dhufu dha.
• Gaggeessaan dhugaa fi milkaa'oon, warra isaan caalaa sabaaf ta'uu danda'an oomisha.
• Karaatti abjuu isaanii dhugoomsuu danda’an irratti isaan utubee, gara milkaa'inaatti isaan geessa.
Na caaluu laata? jedhee yaadda'aa osoo hin taane, akka isa caalaniif waan danda'u hundaan isaan gaggeessa, isaan gorsa.
• Mul'ata namaa "Copy" godhee itti kenna osoo hin taane, mul'ata akka qabaataniif, karaa mul’ata isaanii itti argachuu danda’an itti agarsiisa
• Waanan jedhu fudhadhaa jechuu qofa osoo hin taane, irra caalaa waan bu'aa fiduu danda’u irratti fuulleffata.
• Waan xiqqoo isaan hojjetaniif, beekamtii onnachiisoo kennaafi.
• Tokko olkaasee, tokko gad buusuun amala gaggeessaa hubatoo fi bilchaatoo miti.
• Gaggeessaa dhugaa fi milkaa'aan, of jaja, of faarsa osoo hin taane, hojjettoota gaggeessuun of jaja.
• Jechaan arbaa'ee, qabatamaan yoo hin jiraanne, shimala qiinqanii nyaattee fixxe ta'a.
• Gaggeessummaa dhugaan bu'aa dhuunfaa isaa caalaa, bu'aa hojjettoota gaggeessuu irratti xiyyeeffata.
• Gaggeessaan ga'uumsa gaggeessummaa qabu, waan hojjetaan isaa barbaadu hubata.
• Ogummaa fi hubannaadhaan ijaaramee, qarruu beekumaaan masakama.
• Gaggeessaa dhugaan, hariiroo fayyaaleessa hojjettoota gaggeessuu wajjin uumuun, amala madaqfamaa isaan barbaadanii fi galmichi barbaadu walitti kan hidhudha.
• Gaggeessummaa dhugaan, hiikaa fi ergaalee dhokatoo hedduu qaba.
Gaggeessummaan amalaa fi adeemsa guutuu, karaa of danda’een kan ijaaramu dha.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa


Qabxiilee Shan Mukaa'uu Fi Miira Yaadda'uu Ittisuuf GargaaranGaggeessummaa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Kitaabni mata-duree 'The Anatomy of Melancholy' jedhuun bara 1621 barraa'e hanga har'aatti qabiyyee dhala namaa fayyadu qabatee jira. Kitaabni maloota ittiin dhibee sammuu fi mukaa'uu akka malee wal'aanuuf gargaaran irratti xiyyeeffachuun barreeffame 'The Anatomy of Melancholy' lammii Ingilizii Robert Burton jedhamuun barraa'e.

Lubaa fi beekaa biyya Biriteen kan ture Burton, beekumsaa fi qaroomina fayyaa dhala namaa fi wal'aansaa akkasumas dawaa irratti bara falaasama Giriik durii ture irraa kaasee waan waggoota kuma lamaaf biyya lafaa kana irra ture walitti qindeessuun jaarraa 17ffaa keessa kitaaba kana qixeesse.

Barreessaan kun ofii isaatiis rakkoo mukaa'uu fi miira gaddaa fi gadadoo yaada hammaataa keessa ture, mata duree kana irrattis beekumsa guddoo horateera.

Akkamiin miira mukaa'uu, gadadoo fi yaadda'uu of irraa qolachuun akka danda'amus kana irraa ka'ee kitaaba isaa keessatti qaaccesse.

Qabxiilee kitaaba Burton keessatti eeraman keessaa isaan kamtu hanga har'aa dhala namaaf faayidaa kennaa jiru?

Gaazexeessituu fi barreessituun biyya Iskootlaand Amy Liprot kitaaba kana irra deebiin haaressuun maxxansiteetti.

Maloonni furmaataa mukaa'uu fi miira gadadoo ittiin qolachuun danda'amu kan kitaaba Burton keessatti bara 1960oota keessa eeraman kanneen hanga har'aatti fayyadaa jiran isaan kam fa'i?

Shanan Isaanii Kunooti:

1. Miira Ofii Hubatanii Of-bashannansisuu

kanneen miidhamaniif, mukaa'uun sababni ittiin mudate itti hin mul'atu, kana irraa kan ka'e miirri keenya immoo yeroo baay'ee walfakkaataa ta'a.

Burton kitaaba isaa keessatti akka barreessetti rakkoon mukaa'uu fi gadduu melancholy jedhamu ''dhibee dhaalaan darbuudha'

Har'as mukaa'uun dhalootaan akka dhufuu fi haala naannoo irraa kan mudatu ta'uun itti amanama.

Kanaaf namoonni yeroo ammaa miira isaanii haaressuuf jalqaba kutaa qaama isaanii keessaa kamtu akka miidhame hubatanii irratti hojjetu.

2. Faayidaa Bishaan Qorraa

Burton kitaaba isaa keessatti bishaan yaa'u, kan uumamaa, keessatti qaama dhiqachuu fi keessa ciisuun hagam miira namaa akka haaressu eereera.

Inumaa namni jireenya dheeraa jiraachuu fedhe bishaan qorraa keessa yaa ciisu jedha kitaabi Burton.

Har'as beektonni nama rakkoon mukaa'uu harkaa qabuuf kanuma yeroo dhaaman argina.

Yuuniversitii Portsmouth biyya UK keessatti argamutti Daarektara Qorannoo Laabraatoorii haala naannoo kan ta'an Dr Mike Tipton, ''Bishaan qorraa barannaan miirri mukaa'uu namarraa ka'a. Haala kanaan fiiziyooloojii fi seelii ofii wal'aanuun ni danda'ama. Wayita kana qaamni keenya miira mukaa'uu fi gadduu keessaa ba'a,'' jedhan.

3. Uumamatti Michoomuu.

Akka Burton kitaaba isaa keessatti barreessetti uumamatti michoomuun miira gaddaa fi gadadoo akkasumas mukaa'uu hamaa nama irraa kaasa.

Pirofeesar Simon Hiscock Daarektara Iddoo Kunuunsa biqilootaa Okfoord kan UK keessatti argamuuti.

Biqiloonni ilillii qaban hedduun rakkoo mukaa'uu, miira gaddaa fi dhiphachuu namarraa qolachuu danda'u jedhan.

Burton kitaabasaa keessatti akka kaa'etti biqiloonni waan nyaatamaniif qofa nama hin quufsan, kan fooliifi qaqqabannaan isaanii dharraa nama baasu hedduudha jedhe.

Har'as yaadi kun haalaan hojii irra oolaa jira.

Yaadi wayita miirri mukaa'uu namatti dhagahamu uumamatti ba'anii qilleensa fudhachuu kitaaba Burton keessatti waggaa 400 dura eerame yeroo ammaa Jaarmiyaa Tajaajila Fayyaa Biriteeniin hojiirra oolaa jira.

4. Rakkoo Qooddachuun Rakkoo Salphisuu!

Karaan ittiin rakkoo nu irra tuulame salphisnu yaada keenya hiriyoota keenyaaf qooduudhaani, ofii keenyaaf qofa ofirratti feenee baannee deemuudhaan miti,'' jedhe Burton waggaa 400 dura.

Namoonni jireenya kophaa fi dhuunfaa filatan kanneen rakkoo mukaa'uuf saaxilamaniidha.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa

Показано 20 последних публикаций.