Dhaamsa Jaalalaa 💝


Гео и язык канала: Индия, Хинди
Категория: Другое


"Ganama hunda yeroon hirriba irraa dammaqu garaakoo jalaa yoon sidhabe silkii koo keessan 'text' kee barbaada".
👆
Haala kanaan ergaa jaalalaa waan garaa kan keetii nama akka lubbutti jaalattu afaan feeteen argachuu ni dandeessa!.

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Индия, Хинди
Категория
Другое
Статистика
Фильтр публикаций


Harmalli-yyee nu laalchise !

Waytiinuu birra; sadaasa
Qorraas cabbiidha facaasa
Lafti waariidha; halkani
Of cinaa diida'n argani

Gurbaan milkii san argate
Duruu Bilqiisa hammate
Gurbaan rabbiin qorra lage
Qaata Maskii morma dhaqe

Inni manaa qabu soora
Yoom qabbanaan ala joora
Yeroon barrii danqarata
Maroo wajjiin gangalata

Gurbaan fuudhee mana jaare
Yoona kushee lama qaare
Qabbanaas yoom fittuu dhiisa
Harma Faayoo jidduu ciisa

Namtichi dinqa tolfate
Yoom harka kiisha bulfate
Shaggee kaasee qoraafata
Laphee faaxee boraafata

Anumaa fi sikaa laaxxe
Warri biimbeen bilaash nyaatte
Warra garaas harkaas dhabe
Hamadeeyniis agaalabe

Warri kofoon dalga rafu
Kan qofummaan shan garafu
Warri diigee dhibba jaaru
Halkan ciisee if abaaru

Osoo murtee daraddarruu
Osoo durbee janajjannuu
Qorri biyyee nu nyaachise
Harmalliyyee nu laalchise .

Khalid A Mume
Muddee 15 2024
Image from #TimesNow

@orolovechats


Heerumuu Foziyaa miti kan na aarse!
Birmaduu kichuu sana kan nama miti lafayyu waan qaanfataa deemtu fakkaattu kan an akka ergamtuu waaqaa jannata keessaa amalaxxee baatee nuwaliin jiraataa jirtuutti ilaalu akka waan buruqxu ija guutuudhan ilaaluu sodaadhu sun Jaarsatti heerumu isheeti!😥

Brother dhalaan dhiira iyyeessa kan jaallattu #film qofa irrattidha kanaafu waa'ee fuudhaa dhiisi waa'ee qarshi qofa yaadi!
'Life is nothing without many' jette faranjin rakkoo jiru erga hubatteen booda!
Jerattii nama seetaayi😌😏

Je'e gurbaan

@orolovechats


"Eessa jiraatta?"

Disaababa jedheen😎

Block natti qadaadde;🤬 Sabboontittii kana hin dhiisu jedheen account hiriyaa kiyyaatiin yeroon seenee ilaalu "From nazret, live in California jedha profile ishee🙄

Giiftikoo nu lachuu Afaantu nu alb*'** haa araaramnu block irraa na kaasi jedheen account hiriyaa kiyya kanaan text godheef; hiriyaa koo kanaan erga gaafasiitii wal arginee hin beeknu, Ji'a geenye!

Yoona walitti nu araarsuudhumaaf jecha ko'oommate ta'a😭

@orolovechats


Sin jaaladha🥰

Gaafan sin jaaladha jedhu ammoo amalaa fi haala kee dabalatee wantoota ati qabdu hunda waliin si jaaladha. yeroo hunda sin filadha filannoo namoota biraa keessa sin galchu akkan galchee isaanin sin madaalle Yaadonni kee adamoo keessa na galchan atitu akkan siifi si qofa filadhu na godha amaloota sirraa calaqqisantu mooraa kee keessatti na too'ata

akkan ala hin ilaalle seequn kee akkan ija kee keessa ilaalaa hafu na taasisa san qofa miti mormaan gad jettee ija jalaan na laalun ammoo daran onnee dhah na godha akka kanaan mee akkamittin namoota biraatin si madaala tasuma ijji koo namoota tarree galanii jiran akka hin ilaalle kan na godhu siin booji'amuu fi siin guutamuu keessa kiyyaati uumee akkan itti caalee siif suma filadhu na taasise.

Ilaalchi ija kee lameen irraa natti ifu onnee tiyya laaffisee lakki hin tahu ofiin jechuuf jechoonni arraba keetirraa bahu abdii natti horee of dhageeffadhe qaaman fagaachun osoo sin yaachisin yaadaa fi qalbiin na bira jiraachun kee guutumatti akkan sitti hafuu fi guutuu jireenya kiyyaa akkan dadhabduu hin tahin natti mul'ise.

Wantoota ani uumuf/hojjechuuf karoorsu irratti "ni dandeessa jabaadhu" jechuun kee waan hin dandenye hunda akkan danda'uu fi milkaa'u na gargaara karoora fi kaayyoo sirrii galma ani ga'uu qabuu akkan itti imala eegalu yeroo waliin taanee marii waloomaa fi abboo-maan
dubbannu achi bakka galma dhaqqabuuf yaaduu sana daran ati na waliin tahuu kee santu humnaa ol na gammachiisa boruu kiyya bareechuf yaalta yaadan nafaan a buutaa na gargaarta bakka gaaritti na arguu feeta

Uumamni keetuu jaalala waan ta'eef ani "sin jaaladha" jechuunu guutuu jaalalaa naaf hin ibsu. haa ta'u malee jechin amma siin jechuu
Danda'u kanuma "sin jaaladha.🥰

Eeyyen ati mootidha.🫶 🫂

@orolovechats


#Hiigaa

Oldeemi siinja'an
Diddee gadi deemta
Dhugaa hinjaalattu
Dhara dhugoomsita🤷‍♂️

Silaalan gaariidha
Deymuma daammuutii
Sidhihaatan garuu
Wanni ati biiftu
Summuma buutiiti🐍

Fakkeyseen jiraadhaan
Abadan hintaatu
Dhokachaa oltullee
Dhugaa jalaan baatu🙂

Sagaltam iyyaniis
Sagaleen takkuma
Rakkoo biraamitii
Atumtuu Rakkumaa🤨

Gubbaa yoon ilaalu
Shankoora bilchaate
Yeroon keysa banu
Gobeensa nattaate🤣

#Magan

@orolovechats




Life is XXX

🍃Yesterday is Xperience
🍃Today is Xperienment
🍃Tomorrow is Xpectation

So;

Use your Xperience in your Xperienment to achieve your Xpectation.

🍃Ergaan galgala kana argeedha!

Waa’ee hima kanaa gadi fageenyaan baruuf google irratti search godhaa!

🍃Nagaan bulaa!

@orolovechats




Anaafi Jaartiikoo!
Ani si bulchuun qaba! Ani abbaa manaati! Itti gaafatamummaan akka maatiittis narra jira.Kanaafuu atis akka haadha manaatti buli! Na kabaji sin kabaja. Akka abbaa manattis sin bulcha jedheen! Ana malee bultiin keenya bultii hin jedhamu! Jireenya keenyatu bada! Isheenis Ana malee jette. Nuti lamaanuu Ana malee jenne…

Isheenis “Lakkii aangoon kan kee otoo hin taane kan koo ta’u qaba! Ati eenyu waan taateef na bulchita? Otuma taheyyuu anatu aangoo ati qabdu kana sirraa fudhatee si Bulchu qaba !” Nan jette. Wal morkii fi okkorri anaaf ishee gidduutti uummame!
Eegaa anis aangoo kennuu hin barbaanne. Sababnisaa abbaa mana jedhamuun koo gaatii meeqa kaffaleeni! Gaafa walitti dhufnee bultii ijaarrannu, qumbiin keenya duwwaa ture! Amma immoo anis Jireenya keenya bareechuuf, kufeen ka’e. Waan hin darbine meeqaaf meeqan dabarse! Dhagaan natti darbama ture bira darbeen har’a ga’e. Ani maatii kamiyyuu waliin guddinaafi jireenya foyyeessuuf halkaaniif guyyaa hojjechaa jira.

Isheen immoo; “ati waan mana keenya fayyadu otoo hin taane, waan Nama biraa fayyadu hojjechaa jirta! Bu’a ati buufte takkayyuu hin agarre, Kanaafuu na bulchuun kee natti haa hafu “ jettee na loluuf waraana filatte!
Oollan keenyas ibiddaafi cidii akka taahuuf walitti nu naqe! Nutis ija wal keessaa basuu geenye!
Qawwaa argatanitti fayyadamanis isaanis lamaan keenya miidhaniiru!
Anis humnan qabu fayyadameen lolatti seene. Isheenis maatii keessa seentee, na waraanu eegalte! Anis Lola qilleensarraafi lafoo fayyadame ishee waraanuuf yoo jedhu maatii keessa jirti. Isheetti dhukaasuuf yoon jedhu maatii jala na dhokatti! dirreetti otoo wal baafannee gaarii natti fakkaata. Sababnisaa anaaf isheen wal Lolu erga murteesinee, maatii koo fi ishee nu gidduutti miidhamu hin qabu. Anis garee na deeggaran horachaan dhufe. Isheenis agarre ishee deeggaran hedduu horatte. Akkamitti akka wal moonuufi akkamitti akka blchinu tooftaa shiraan guuttame fayyadamu qabne nu lamaanuu…
Garee koo keessa namni hedduun miidhame! Garee ishee keessas namni hedduun miidhameera! Erga isheen lola filattee anis loluun dirqama natti tahe.
Qabeenya hedduu mancaafne, lubbuu Qulqulluu meeqaaf meeqa gatii tokko malee wal morkiitti balleessine!
Gareen ishee garee koo saaman, Gareen koos garee ishee saamuufi ajjee*su itti fufan!
Hiyyeessi fi qotee bulaa sababa keenyatti imimmaan buuse! Ibiddi Uummata nagaa gubu irraafi jalaan roobe! Haadha hiyyeessa boochifne! Kichuu meeqa galaa*anne! Anis isheenis wal miidhuuf murteessinee itti fufne!

Erga Lola walitti bannee waggaa 4f 5 darbineerra! Nu gidduutti namoonni nagaan ajjee*amaniiru. Qabeenyi hedduunis mancaa’eera!
Kun immoo sababa haadha manaa koofi sababa kootti akka tahe beekkamadha!
Bultiin keenyas amma haaloo wal ba’uufi wal dhabamsiisu taheera!
Eegaa yaa haadha manaa koo!
Atis Si waraaneen aangoo irraa si kuffiseen aangoo qabaadha jettee yaadda taanaan ,of goyyomsaa jirta! Qilleensa aboottattee gadi dhiisaa jirta!
Anis aangoo kana gadi dhiiseen ati aangoo qabaattee na bulchitaan soba! Ani Nama dhumutu dhuma malee! Biyya kanatu biyya siriyaa taati malee aangoo gadi dhiisuun koo abjuudha! Kanaafuu garaa kee kutadhu!

Sababa koofi keetti garuu waanti hedduu babbadeera!
Kan nu baasu garuu; atis akka abbaa manaa keetti atis akka haadha manaa kootti yoo waliif gallee waliin jiraanne malee, akka amma nuti itti deemnu kun anaafis siifis homaa bu’a hin qabu!

Dhugaa waliif galchinee, yoo na miitee situ naaf adabama! Yoon si miidhe natu siif adabama! Kanaa achii lafarraa wal duguugu malee fayyida Aniif ati argannu hin jiru, hin jiraatus, yaa haadha manakoo!

Jaarsa biyyaa baafnee!
Abbootii amantii baafnee!
Haadha siinqee baafnee!
Jaartii Cifiree baafnee!
Abbaa Gadaa baafnee!
Gaaddisa Odaa jalatti!
Yoo Araaramne, wal morkiin ni hafa!
Wal waraansi ni hafa! Nagaan mana keenyaafs biyya keenyaafis ni bu’a yaa haadha manaakoo! Ani kanumaan si jedha! Sababa koofi keetti Lubbuun nama kamiyyuu hin ba’iin!
Na hin ajj ee siin si hin ajj ee su!

Nagaa nuuf wayya!

Yoo siif gale kanuma !

@orolovechats

7k 0 11 5 56

...
Jaalala dhugaa beeka. Nama marara. Miskiina, onnee qulqulluu qaba. Nama amana. Seera jaalala uumamaa hin dabsine. Arra hin jedhin malee, gaaf tokko, gaafa tahe tokko, namni kun, Yeroo nama tahe tokko jaalachaa turetti, dubartoota biliyoona keessaa takkittii san filatee jaalate. Jaalatee filatee dhabe. (4)...

Jaalatee dhabuu isaa miti, isiin sobamee maqaa jaalala sobaatiin yeroo isaa bareedduu san gubuu fii onneen isaa akka 2ffaa Jaalala hin keessumessine ugguramuutu isa miidhe. Jaalachuun isaa yakka hin ture. Garuu, nama hin taane yeroo hin taanetti jaalachuun isaa akka isa miidhe fuula isaatu dubbata. Haalasaa yeroo laalte, Akka tokko tokko yoo laalte, fayyuma fakkaata. Ni maraates akka hin jenne, namumarraa adda bahee urjitti firoome malee, namuma baqatee fira urjiilee fii kitaabota tahe malee hin maraanne! Fayyaas haa tahu maraataa, an garuu namichi natti tola! Miskiinticha! (5)..

Halkan yeroo isaati. Keessaafuu erga birraan baritee jiini october eegale irraa kaasee ijjisaa gamii samii halkanii deebiti. Ji'a kana Urjiileen inni jaalatu, Urjiileen Orion halkan gara galgalaa irraa kaasee mullachuu eegalu. Ji'oota hedduuf hin mullatan ture. Kanaaf ni yaade. Samiin halkanii isaaniin bareeddi. Pleiades (Urjii torban), Aldebran diimaa fii Betelgeuse diimaa, Rigel fii Sirius cuqulisota hanga'oo kana arkuu yaadee amma isaan ol eegee gammada. (1)...

Boorsaa dulloomaa tokko, kan yeroo hunda if biraa hin hambifne, achi keessatti kitaabota hedduu walitti qabee kan deemuun qaba. qalama, qarraa (lightera), fii buraashan bishaan itti habbuuqu jalaa hin hafan. Nama isa dubbise malee hin dubbisu, kitaaba ammoo ni dubbisa. rifeensa isaa guddisee bosona baalee fakkaata. Kan inni eeguus uumama. Urjiifaa! Namni yoo isa dhaheehuu hin ilaalu. Kan isa yaames, sakandi 1 qofa laala. Namaan haasawutti, nama laaluuf yeroo isaa hin gubu! (2)...

Halkan toora walakkatti dhiyaate, lafa magariisa mukkeen tarree galee ifni magaalaa akka itti hin ifne dukkaneeyse keeysa deeme seene. Boorsaa isaa duydarraa if fuudhee boraatii godhate, duydaan ciisee mataan irra ciise, miilasaa tokko citarra achi diriirseeti kaan ammoo jilbatti cabsee ol dhaabe. Ciisee urjiilee samii daawwate. yeroof, turtii daqiiqaa 8 hin caalle erga callinsaan guutamee garba urjiilee daawwate booda, borsaa isaa mataa jalaa if fuudhe. Kitaabota keessaa Kitaaba tokko baasee if maddii kaaye. Boorsaa bakka turetti deebiseeti qarraa baafatee itti shide! Haalala dhaabbatee nama laaleef, yeroo inni xuuxu, ibiddi dhamalli ifee dhaamu ifa hazard garsiisu kan saffisaan hin hin ifne fakkaatti! (3)...

(6)... 🌌
(0)...

—✌️

@orolovechats


Репост из: Shamil N Mohammed Officials
WAA 3 FAYYAA DHABE

Yoo barri hammaate waa sadii fayyaa dhabe ja'an.

1. Ibiddaa dhaamote
2. Bishaanii dheebote
3. Qorichaa dhukkubsate

Akka argaa dhageeytiin jettutti
1. Ibiddi dhaamote: DHUGAA
2. Bishaan dheebote: JOOLLEE
3. Qorichi dhukkubsate: JAARSA

Kanuma dhufuu nu yaabbataa
Gabrummaan gad nundhiifnee
Hanga harree harreen kortellee
Lukaan ifirraan dhiinne...

Je'e ja'an Jaarso Waaqoo

Namni dalluu dhabe
Maaf garaacha dhiqa
Namni waan godhu dhabe
Saabunaan soogidda dhiqa
Namni waan fedhu dhabe
Olla waliin tuqa

Hoolaan Adaloodhaa
Ka dirree yaa'u kanaa
Adal waraanan qabuu
Ka jirmaan yaa'u kanaa
Hinaafaan joolleen gahuu
Ka taa'ee boohu kanaa

Osoo maqa namaa dhooytuu
Maqaa kee dhoysita
Osoo mana nama deemtuu
Mana kee onsita

Shimbirroo kanniissaa
Ta dhihanni jiisaa
Waan boruu galataa
Takkaan sii odeeysa

Boorana qe'ee hangafaa..

Moonenuus Abduraman

BOORANA JIRRA

Nov,24,2024

@sammuukeef


Barruu kana Commment kiyya jalatti arkeen natti tole.
“Maatii tokkotu jiru. maatiin kun galgala irbaataa nyaatanii ijjoollee isaanii raffisanii haadha manaa fi abbaan manaas gara ciisichaatti darban. Osoo hin rafiin dura akka carraa abbaan manaa Hagguugduu/Maggarajaa addaan qabee foddaa/Maskooti irraan yoo ala ilaaluu hattoonni sadii ta'anii mooraa/gibbii seenanii jiru. sanaa booda namichi dafee Police dhaaf bilbilee "Hattootaan marfameen jira na qaqqabaa" jedhee bilbileef. police immoo akkas jedheen "Poolisoonni dirqamarra jiru, ammaf namni siniif dhaqabuu danda'u hin jiru yoo dafanii dirqama hojii irraa deebi'an siniif ergina" jedheen.Namichis aaree fala tokko falate Shuguxii qabu fudhatee Suuta jedhe dhokatee hattoota sana sadan galaafate. sana booda policedhaaf bilbilee dhiisaa naan erginaa hattoota sana aniyyuu ajjeess*era jedhee itti himee bilbila cufate. Battaluma inni bilbila cufateetti poolisoonni konkolaata patrol/Paatrooliidhaan kudhan ta'anii gibbii /mooraa marsan. namichas qabanii deeman.

Egaa Oromoo kan oromoo kun akka dubbii namicha kana ta'ee laata jedheen yaada. maalif akka saayikoo uumata kanaa keessatti katabamee hafeef hin beeku. Gaafa oromoon miidhame oromotu midhamaa jira gaafa jedhee bahee dubbachuu isarra yoon hidhamee ykn yoon ajjeefamee hoo jedhee dursee sammuu isaa amansiisa. keenyas waanuma xiqqootu hoo'ee guba. wanuma xiqqootu guddaadha. Karaa cabe haa yaasu duutoo du'uma hidhaanis nutti hin hafne koottaa baanee mirga keenyaa falmannee duunaa.

Egaa akka kamitti duuna kana caala akka kamittis awwalcha dhabna kana caala. Kaleessa gaafa wallaggatti morma nu kutanii mukatti diranii akka alaabaa fannisanii deeman wajjin suura ka'an har'a kun dhufa jennee hin eegne guyyaa muraasaaf iyyinee profile gurracheffannee maal maal dhiisnee sirbatti dachaane. ammas bor oromoon biraa akasitti morma irraa kutuu waan sodaatan isinitti fakkaataa? jarri sodaa akkasii hin qaban bulguu”dha nama nyaataadha.

Akka kanatti maqaa oromoo isa du'ee dachee keessa jiruus isaa lubbuun jiruus balleessa jirra.”

Dhuguma!❤️

@orolovechats




Harmallaan haa barakattu!

Harka harmarra yoo baafnees
Utaaltee nu'n qaaneeysitu
Bakka feenetti yoo yaamnees
Boontee if hin qaaleeysitu

Qabaan isii suuta suutaa
'Na fuudhiif' nu'n kakachiiftu
Kitaabasii nuu banuudhaaf
Ka rabbii nu'n qabachiiftu

Silkiisaanii feene taanaan
Laalcha keenyaan baraniihu
Kiishnisaanii beela baasa
Kiisiinsaanii daraniihu

'Bakka oolte'n beeku! ' jattee
Hulaa nutti'n danqarattu
Adeeraaf abbaa dahattee
Caardii dhibbaa nu'n kadhattu

Hoggaa maddiin achi laalle
Malaanuu ifiin as ceeti
Hoggaa nuti sadi yaamne
Abeetiin isii saddeeti

Afeerraa, zargii, gabbara
Qubeellaa, warqii, cancala
As kennaan nurra'n dhaabbattuu
Kajeellaan kansii galgala

Dhalaan ammaa birriif gaanaa
Dubra giddiin kunoo dide
Kanaaf shamarrittii caalaa
Harmallittiin nu boojite

Dubreen boontuun qalqaleen san
Of gubbaan haa garagaltuu
Qabbanooytuun humna teenyaa
Harmallaan haa barakattuu!

Khalid A Mumme

@orolovechats


Namni tokko waan gammachuu siif kennuuf qofa jaalatta yoo ta'e. namticha akka waan ati hin jaalanne godhameetu lakkaawwama.
//💜// //💜//
@Qaroojaalala 💜
#share✅
#join✅


SIIN YAADE!

Ijji kee akka durii
Oliif gadi hin fiiguu
Bultiifii Iimaana kee
Si jalaa hin diiguu

Of taatee jiraattaam
Gammachuu argattee
Iimaana kee qixxee
Ittiis dabalattee

Kan duraan hir'atee
Iimaanni jiruu
Gaafa ida'amtee
Jiruu Abbaa mana kee
Nama tokko taatan
Garuu qaamni lama
Yaa jiruu halaala
Mi'aawwa akka damma

@QAROOJAALALA
@QAROOJAALALA

Yaadaaf gaaffii:
@Ruhiiko


"...dhibee jaalalaatiin
Naa qabamee yaraa
Kikkadhe dadhabe
Sossohuu lafarraa
Natti Wal dabranii
Ogeeyyiin faraqaa
Maayyii kan urjii
Laaluu beeke maqaa

Qalbii jaalalaatiin
Iji Wal dhooytee
Summiin na idditee
Onneen na madooyte.

Gororri Kee nadhii
Laagaa too na jiisii
Guntutaan karkarsii
Onnee too sossoosi....Q❤️"

Walaloo Abdii Qophee keessaa isiin Hedduu diqqisiifadhu. Mee guutuu isii katabaa✍️

@orolovechats




DANDEHI DHUMA...!

Arra yaroo ati miciyyoo qalloo magaala san mana keessan fiddee, ummaatee wajji wal barsiiftu argeera. Eegaan si dhiisee deeme booda mom tee hoggaa na argan fuula na dhoorkatan. Wantaan keessa jiru hubachiisuuf yaaluus na dhagahuuf akka yaroo hin qabne natti himan. Dhugaa qaban. Silaa haadha kamtu miidhaa ilmoo isii obsa?!

Garuu arra yaroo intala ati fidde san mom akkasitti dhungatan dachiitu naan mare. Dhaabbachuuf humnaan dhabe. "Deem loli, iyyi, bakka kiyya namni biraa hin fudhatu ji'ii falmadhu" lubbuun na jattuus hin dandeenye. Afaan kamiiniin dubbadha?!

Mee amma akkana haa goonu!
Takkiin na jibbi, yaroo na agarte naan loli, guyyaa hunda akka na jibbitu natti himi. Akkaan sitti hin hinaafne, akkaan sirraa citu na godhi. Maaloo na gargaari. Ykn akkaan dandehee biyya tanaa deemu mala natti himi.

Ykn immoo koottuu na fudhdhu. Yoo barbaadde addunyaan tun hundi haa gubattu na fudhadhuu asii naan badi. Bikkaan sagalee tee qofa dhagahu, addunyaan itti hafuura kee qofa harganu na geessi. Addunyaa teenya isii duraa sanitti na deebisi.

Gola kee Bakkaan itti if hin sodaanne, gandaan itti goota tehee onnee guutuun jiraadhu san na geeysi. Sodaafi dhiphina kana keessaa na baasi. Akkuma waggoota darban kankee qofa tahee jiraachaa ture ammaas achitti deebi'uun fedha.

Guyyooya ati miirri dhiirummaa kee fuularraa si calaqqisan saniin arguu fedha.
Guyyoota ati natti huurkitu, natti oowwitu, deebitee natti qorritu, deebitee na soorattu, deebitee na soortu sana yaadeera. Arguuf dhama'aan jira!

Filannoon keeti!

Fandisha Mustefa

@orolovechats


DANDEHI P2

Nan laalin. Duuyda sitti galeetiin sitti haasawa. Ija tiyya arguuf hin dhama'in. Humnaan ija tee laaluun hin qabu. Please achuma dhaabbadhu na dhaggeeyfadhu.

Namni biraalleen beekuu baatan miira ati keessa jirtu ani niin beeka.
Garuu miiraan ani keessa jiru, dhukkubbiin ani dhukkubsachaa jiru namni beeku hin jiru. Rarra'eetiin jira.

Na amni ani bikkaan shurfkaa tee hin agarre turuu hin danda'u. Biyyaan itti sin agarre jiraachuus hin danda'u. Akkasuma Atii dubra biraa fuutu mitii dhalaa biraa wajjiin dubbachuu kee yoon arge ifiin aj...suu fedha. Yoon sirraa fagaadhe hafuura keetiin dhaba. Hafuura kee dhabnaan onneen tiyya ni dhaabbatti. Yaroos lubuun turuun kiyya shakkiidha yoon ollaa kee kana turuus gaafaan si argu hunda onneetu na cita.

Dhiira kamtu natti siqa, dhiira kamtu nama natti fakkaata? Hin jiru. namni biraa harkaan qaama kiyya qabaachuun anaaf dhukkuba. Na qabachuu mitii ijaanuu isa arguun jibba.
Akkaan duratti 5 dhiqadhee 5 kuulladhee hanga ati dhuftu hawwii si eegu sun hin jiru.

Niin rafa je'ee yaroon ciisu, yaadaaniin gara kee dhufa. Sakandii san keessattiin imimmaaniin hudhama. Uffachuuf yoon deemu akka ati dhuftee uffata naa filtuun hawwa. Akka ati naa uffistuun fedha. Isa ati "wow sirraa bareeda" naan jattu saniin yaada.

Sittiin manaama. Abjuuniin gorora kee unadha. Abjuuniin laphee teetitti maxxaree rafa. Abjuuniin dhahannaa onnee teetii dhaggeeyfadha.

Filannoon ani qabu 3 qofa. Ykn haadha tiyya dhabuu, ykn ati haadha tee dhabuu, ykn sirraa adda bahee si dhabuudha. An ummaa tiyya dhabuu hin fedhu. Isiin tokkittiidha lama hin jirtu. Atiis akka haatee dhabdu hin fedhu. Isiin siif tokkiitiidha. Jijjiiraa hin qabdu. Isaan dhabdee hadiyyoomuurra ana dhabdee gubachuu siif wayya. Aniis si tokkicha haadhaan adda si baasuurra miidhamuun filadhe.

"Maaltu Filannoo akkanaa siif kaaye, maal waan an hin beeyneetu jiraa?"

Ee wanti ati hin neeyne hedduutu jira. Guyyaa abbaan kiyya dhukkuba isaanirraa fayyanii lafaa ka'an ani gaddinaan ati naan loltee turte.
wanti guyyaa san na gaddisiise waanuma amma dhufe kana, akka inni dhufu waaniin beekeefi.

Akka inni ol-hin kaaneen godha jannaan na didde. Ati bineensa jattee na lolte. Kunoo dandehi . Waaniin an gaafas sodaadhe amma argadhu.

Akkuma atuu beeytu anaafi Ati gaafa wal fuunu abbaan kiyya mana yaalaa ciisaa ture. Waggoota sadeen inni ciisaa ture ati akkaan ilmoo siif dahu na kadhachaa turte.

An garuu abbaan kiyya yoo anaa ulfaa'e ykn anaa deesse lafaa ke'e anaafi ulfa saniis waliin akka nu galaafatu waaniin beekuufiin sodaa kiyya dhooysee si sossobaa ture. Ifi miidhee lubbuu biraa hin miidhu je'eetiin si dhokodhee kiniina nyaachaa ture.

Ati amma of jabeessii jiraachuuf yaali. Osumaan an gubadhuu, osumaan an hinaafuu fuudhii ilmaaniis horadhu. An immoo....

Sii na dhageeysaa? an ammaahuu mucaa keen garaa qaba!

Fandisha Mustefa

@orolovechats

Показано 20 последних публикаций.