Anaafi Jaartiikoo!
Ani si bulchuun qaba! Ani abbaa manaati! Itti gaafatamummaan akka maatiittis narra jira.Kanaafuu atis akka haadha manaatti buli! Na kabaji sin kabaja. Akka abbaa manattis sin bulcha jedheen! Ana malee bultiin keenya bultii hin jedhamu! Jireenya keenyatu bada! Isheenis Ana malee jette. Nuti lamaanuu Ana malee jenne…
Isheenis “Lakkii aangoon kan kee otoo hin taane kan koo ta’u qaba! Ati eenyu waan taateef na bulchita? Otuma taheyyuu anatu aangoo ati qabdu kana sirraa fudhatee si Bulchu qaba !” Nan jette. Wal morkii fi okkorri anaaf ishee gidduutti uummame!
Eegaa anis aangoo kennuu hin barbaanne. Sababnisaa abbaa mana jedhamuun koo gaatii meeqa kaffaleeni! Gaafa walitti dhufnee bultii ijaarrannu, qumbiin keenya duwwaa ture! Amma immoo anis Jireenya keenya bareechuuf, kufeen ka’e. Waan hin darbine meeqaaf meeqan dabarse! Dhagaan natti darbama ture bira darbeen har’a ga’e. Ani maatii kamiyyuu waliin guddinaafi jireenya foyyeessuuf halkaaniif guyyaa hojjechaa jira.
Isheen immoo; “ati waan mana keenya fayyadu otoo hin taane, waan Nama biraa fayyadu hojjechaa jirta! Bu’a ati buufte takkayyuu hin agarre, Kanaafuu na bulchuun kee natti haa hafu “ jettee na loluuf waraana filatte!
Oollan keenyas ibiddaafi cidii akka taahuuf walitti nu naqe! Nutis ija wal keessaa basuu geenye!
Qawwaa argatanitti fayyadamanis isaanis lamaan keenya miidhaniiru!
Anis humnan qabu fayyadameen lolatti seene. Isheenis maatii keessa seentee, na waraanu eegalte! Anis Lola qilleensarraafi lafoo fayyadame ishee waraanuuf yoo jedhu maatii keessa jirti. Isheetti dhukaasuuf yoon jedhu maatii jala na dhokatti! dirreetti otoo wal baafannee gaarii natti fakkaata. Sababnisaa anaaf isheen wal Lolu erga murteesinee, maatii koo fi ishee nu gidduutti miidhamu hin qabu. Anis garee na deeggaran horachaan dhufe. Isheenis agarre ishee deeggaran hedduu horatte. Akkamitti akka wal moonuufi akkamitti akka blchinu tooftaa shiraan guuttame fayyadamu qabne nu lamaanuu…
Garee koo keessa namni hedduun miidhame! Garee ishee keessas namni hedduun miidhameera! Erga isheen lola filattee anis loluun dirqama natti tahe.
Qabeenya hedduu mancaafne, lubbuu Qulqulluu meeqaaf meeqa gatii tokko malee wal morkiitti balleessine!
Gareen ishee garee koo saaman, Gareen koos garee ishee saamuufi ajjee*su itti fufan!
Hiyyeessi fi qotee bulaa sababa keenyatti imimmaan buuse! Ibiddi Uummata nagaa gubu irraafi jalaan roobe! Haadha hiyyeessa boochifne! Kichuu meeqa galaa*anne! Anis isheenis wal miidhuuf murteessinee itti fufne!
Erga Lola walitti bannee waggaa 4f 5 darbineerra! Nu gidduutti namoonni nagaan ajjee*amaniiru. Qabeenyi hedduunis mancaa’eera!
Kun immoo sababa haadha manaa koofi sababa kootti akka tahe beekkamadha!
Bultiin keenyas amma haaloo wal ba’uufi wal dhabamsiisu taheera!
Eegaa yaa haadha manaa koo!
Atis Si waraaneen aangoo irraa si kuffiseen aangoo qabaadha jettee yaadda taanaan ,of goyyomsaa jirta! Qilleensa aboottattee gadi dhiisaa jirta!
Anis aangoo kana gadi dhiiseen ati aangoo qabaattee na bulchitaan soba! Ani Nama dhumutu dhuma malee! Biyya kanatu biyya siriyaa taati malee aangoo gadi dhiisuun koo abjuudha! Kanaafuu garaa kee kutadhu!
Sababa koofi keetti garuu waanti hedduu babbadeera!
Kan nu baasu garuu; atis akka abbaa manaa keetti atis akka haadha manaa kootti yoo waliif gallee waliin jiraanne malee, akka amma nuti itti deemnu kun anaafis siifis homaa bu’a hin qabu!
Dhugaa waliif galchinee, yoo na miitee situ naaf adabama! Yoon si miidhe natu siif adabama! Kanaa achii lafarraa wal duguugu malee fayyida Aniif ati argannu hin jiru, hin jiraatus, yaa haadha manakoo!
Jaarsa biyyaa baafnee!
Abbootii amantii baafnee!
Haadha siinqee baafnee!
Jaartii Cifiree baafnee!
Abbaa Gadaa baafnee!
Gaaddisa Odaa jalatti!
Yoo Araaramne, wal morkiin ni hafa!
Wal waraansi ni hafa! Nagaan mana keenyaafs biyya keenyaafis ni bu’a yaa haadha manaakoo! Ani kanumaan si jedha! Sababa koofi keetti Lubbuun nama kamiyyuu hin ba’iin!
Na hin ajj ee siin si hin ajj ee su!
Nagaa nuuf wayya!
Yoo siif gale kanuma !
@orolovechats