TAATEE HAR'AATIIN OF HIN MADAALIN!
▬▬▬▬▬▬▬▬
➲ Baay'een keenya jireenya fuulduratti jiraachuuf qabnu taatee har'aatiin madaallee haamileen nu cabuu danda'a.
GARUU,
✥-- Har'i yoo dukkanaa'e boru dukkana miti.
✥-- Har'a yoo miidhamne borus akkasitti itti hin fufu.
✥-- Har'a wanti dhaga'amu kan nama jibbisiisuu fi dhageettidhaaf tolu ta'uu yoo baate bara baraan garuu akkas miti!
➲ "Yeroo hundumaa naaf haa mijatu" yoo jenne addunyaan kuni waan nama gaddisiisus of keessaa qabdi!
➲ WANTI HUNDINUU NI DARBA! Miidhama kee irraanfadhu! Yeroo qabdutti jireenya sirraa barbaachisu jiraadhu! Abdii kutannaa keessaa bahi! Taatee hamaadha jettu gara bu'a qabeessummaatti jijjiirii seenaa taasisi!
➲ "Namni ogeessi rakkina kudhan karaa tokko fura utuu hin ta'in rakkina tokko karaa kudhan nama furuu danda'u." Ogeessa ta'i!
— Mihratuu Shaanqoo
➲ Akkaataa jireenya kee itti qabattu guyyuu karoorsi! Namni ogummaan jiraatu, rakkina isatti dhufu moo'achuuf humna qabu hunda fayyadama. Ati nam-jabaa taatee ogummaadhaan jireenya jiraattu qabachuutu siif ta'a!
✥-- Yeroo qabda,
✥-- Humna qabda,
✥-- Dandeettii qabda.
Ammuma irraa kaasii ittiin hojjedhu!
✍ Getu Abera
@Gaggeessummaa