Ameerikaan deeggarsa maallaqaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf taasistu addan kutaa akka jirtu Pireezdaantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraampi beeksisan.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa tarkaanfiii Chaayinaairraatti fudhaachuu osoo qabu mootummaa Chaayinaaf deeggaranii falmuun sirrii akka hin taanee Obbo Donaald Tiraamp ibsan.
Haala ammaa jiruun dhaabbaticha guutummaa guutuuti too’annoo Chaayinaa jala akka jirus himaniiru.
Akka BBCn gabaaseetti, sababa kanaan Ameerikaa buusii dhaabbata fayyaaf taasisaa turte gara dhaabbataa biraattii akka dabarsitus hubachiisaniru.
Ameerikaan bara darbe Doolaara Miliyoona 400 Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf deeggarsa taasisuun ishee ni yaadatama.
Maddi:- obn
@HawiTaMES