Robale Tube


Channel's geo and language: India, English
Category: Other


We dedicated to promote all Afan Oromoo telegram channel & groups.
Contact us @robi17

Related channels

Channel's geo and language
India, English
Category
Other
Statistics
Posts filter


Waan ajaa’ibaati dawwaadha.

https://vm.tiktok.com/ZM2nXNCQN/
TikTok · Jechaa Beektootaa
Check out Jechaa Beektootaa's post.


https://vm.tiktok.com/ZM2nQdVLr/
TikTok · Jechaa Beektootaa
Check out Jechaa Beektootaa's post.




#MinistryOfEducation

Barattoonni bara 2014 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoramanii qabxii 50% ol argataan gara Yuunivarsitiitti darbuu akka danda'an Ministeerri Barnootaa ibsaa har'a midiyaaleef keennen beeksiseera.

Bara barnootaa 2014tti barattoonni kuma 899 fi 520 qoratamaniiru.

Kanneen keessa qabxii quubsaa (% 50 ol) fiduun kan darban garuu kuma 29 fi 909 duwwaa dha.

Kana jechuun dhibbentaa 3.3 qofaatu darbe jechuu dha, akka Proff. Biraanuu Naggaa Ministirri Ministeera Barnootaa qormaata kaleessa lakkifame ilaalchisuun ibsa kennanitti.

Qabxiin Olaanaan Barattoota saayinsii uumamaa dhiiraan 700 irraa Qabxii 666 fi  dubaraa irraa 650 galmeessaniiru.

Saayinsii Hawaasummaatiin 600 keessaa qabxii 524 galmeeffameera.


@Gadaamagazine
@Gadaamagazine


#grade12entranceexamresult

Qabxiin qorumsaa barattootaa kutaa 12ffaa Jimaata boru ykn Sambata Xiqqaa kana akka gadhifamuu himameera.

Odeeffannoo har'a 'TIKVAH ETHIOPIA'n Ministeera Barnootaa wabeeffachuudhaan ibseen qabxiin barattootaa qorumsaa biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 qoramanii guyyaa boru Jimaata ykn Sanbataa Xiqqaa akka ifoomuu beeksiseera. #share

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine


Forward from: Unknown
Odeeffannoo dhugaa Afaan Oromoon argachuuf chanaalaa armaan gadii #cuqasuun itti dabalamaa.👇


Forward from: GADAA MAGAZINE
#NationalDialogueEthiopia

Itoophiyaan wal dhabde hayyuuwwan siyaasaa jidduu jiruu furuuf akkasumas hegeree biyyattii irratti mari'achuuf Marii Biyyaalessaa gaggeessuufi.

Paarlaamaan Itoophiyaa yaa'ii Kamisa darbe gaggeessee tureen wixinee labsii komishinii marii biyyaalessaa hundeessuuf dhiyaate irratti mari'atee yaada dabalataa irratti kennuuf koree dhaabbii dhimma seeraa, haqaa fi dimookraasiitti qajeelcheera.

Paarlaamaa Itoophiyaatti itti gaafatamaa mootummaa kan ta'an Obbo Tasfaayee Baljigee waa'ee wixinee komishinii marii biyyaalessaa ijaaruu yoo dubbatan, 'dhibdee hayyuuwwan siyaasaa biyyattii gidduu jiru furuun, sirna Dimookraasii ijaaruuf mariin akka godhamu Komishinii kana ijaaruun akka barbaachise' himaniiru.

Komishinichi dhiibbaarraa bilisa ta'ee akka dalagu kan taasifamu ta'uu fi waggaa sadiif akka turu ta'ee hundaa'ee akka barbaachisummaa isaatti dheerachuu akka malus himan.

Mootummaan Itoophiyaa marii biyyaalessaa kana yoom gaggeessuuf akka karoorfate, hirmachisummaa marichaa fi dhimmoota kaan irratti ibsa bal'aa hin kennine.

Ministirri Deetaa Ministeera Haajaa alaa Itoophiyaa ambaasaaddar Reediwaan Huseen mariin kun heera biyyaa fooyyessuu fi riifarandamii dabalatee dhimmootni hundi kan irratti mari'ataman ta'uu miidiyaa Tarkii Anaadooluutti himaniiru.

Haata'u malee yaada tiwiitarii isaanii irratti Roobii ganama barreessaniin mariin biyyaalessaa kun 'waa'ee TPLF ykn Shanee miti' jechuun barreessan.

Gareen TPLF hidhannoo isaa hiikee hoggantoota barbaadaman dabarsee yoo kenne hireen marii biyyoolessaa keessatti hirmaachuu jiraachuu akka malu' Anaadooluutti himaniiru.

Ogeeyyiin siyaasa walitti bu'iinsaa fi nagaa ijaaruu akkasumas dhimma marii biyyaalessaa irratti hojjetaa turan BBC'n dubbise, marichi bu'a qabeessa akka ta'u kanneen hidhannoon socho'an dabalatee qaamolee hunda hirmaachisuu qaba jedhu.

Maddi: BBC
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine


Forward from: GADAA MAGAZINE
#SiyaasaaItoophiyaa

Haalli nageenyaa hidhamtoota siyaasaa manneen hidha jiranii yaaddessaa ta'u fi hawaasni Idil addunyaa xiyyeeffannaa keennuu akka qabu dhaamame.

Yeroo biyyattiin fincltoota TPLF fi WBO waliin waraana irratti argamtu kanatti namoonni siyaasaa, kanneen Qaallittii jiraniin alattis, qondaalonni ABO mana hidhaa Galaan keessa jiranis yaaddoo nageenyaa walfakkaataa akka qaban Abukaatoon hidhamtootaa Obbo Tuulii Baayisaa BBC'tti himaniiru.

Haati warraa Obbo Baqqalaa Garbaa Aadde Haannaa Raggaasaa turti BBC waliin taasisan, mana hidhaa Qaallittii kan jiran abbaa warraa isaanii fi Obbo Jawaar Mohaammad dabalatee nageenyi hidhamtoota kaanii irratti yaaddoo akka qaban dubbataniiru.

Ka'umsi yaaddoo nageenyaa hidhamtootaa kun ammoo ta'ii A.L.I Sadaasa 9 bara 2014 mana hidhaa Qaallittiitti ta'erraa akka maddus dubbatan.

Sadaasa 9 galgala mana hidhaa Qaallittiitti maaltu ta'e? Dubbisaa⬇️

https://ift.tt/3xjswBS

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine


Forward from: GADAA MAGAZINE
Dooktar Abiy Ahmed Muummicha Ministeera Itoophiyaa ta'uun muudamaan.

Har'a Fulbaana 4, 2014 eegalee Dr. Abiy Ahmed Ministira Mummee waggoota shanan dhufaniif biyya bulchaan ta'uun muudamaaniiru.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine


Forward from: GADAA MAGAZINE
#Irreechaapeacefulfestival2021
#IrreechaaMallattooNageenyaa

Ayyaanni Irreechaa hora Finfinnee guyyaa boru ni kabajamaa.

* Kabaja ayyaana Ireechaa Hora Finfinnee Sanbataa boriitif keessummoonni ayyaanicharratti hirmaatan heddumminaan gara magaalaa guddittii Oromiyaa, Finfinnee seenaa jiraachuun himame.

* Nageenyaa kabaja Ayyaanaa irreechaaf seensa magaalaa Finfinnee irrattis sakkatta'insii cimaan godhamaa jiraachuu maddeen GADAA MAGAZINE ibsaniiru.

* Sirna Irreechaa guyyoota lamaaf turu kana karaa siyaasarraa bilisa ta'een duudhaa Irreechaa qofaan kabajuu qabna jedhan Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa turti BBC waliin godhaniin.

Suura: social media

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine


Forward from: Gadaa Promotion
Odeeffannoo dhugaa Afaan Oromoon argachuuf chanaalaa armaan gadii #cuqasuun itti dabalamaa.👇


Forward from: Unknown
Odeeffannoo dhugaa Afaan Oromoon argachuuf chanaalaa armaan gadii #cuqasuun itti dabalamaa.👇


Odeeffannoo waqtawaa haala yeroo irratti xiyyeeffatan chanaalaa keenyaa GADAA MAGAZINE itti dabalamuun maatii ta'a.

Join 👉: @Gadamagazine


Forward from: GADAA MAGAZINE
#Alert ⚠️

Albama Maalii Mallisaa keessa sirbi mata dureen isaa "Ilma namaa" jedhu heyyamaa maatii malee seeran alaa yuutubii irratti fe'ame.

Sirbootaa Artist Hacaaluu Hundeessaa osoo lubbuun jiru hojjatee fi CD'dhaan uummataa biraan gahuuf yaadamee qindeeffamaa ture keessa sirbi 'Ilma Namaa' jedhu heyyamaa maatii malee yuutubii irratti fe'ame mul'ate.

Sirbi kun daqiiqaa muraasa duraa 'ITunes' irratti karaa onlaayinii akka gurguramuu fi dhaggeeffatamuuf fedhaa maatiin ergaa gadhifamee booda haala hin eegamne fi qaama biraan haatamee yuutubii irratti fe'ame argame.

Furmaanni isaa maalii?

Egaa sirbi kun qaaniif sodaa tokko malee chaanalota yuutubii namoota dhuunfaa garaagaraatti fe'ame jira. Namoonni hedduun itti dammaquun REPORT gochuun sirbichi akka haqamuu taasifama jira. Duulli REPORT gochuu cime itti fufu qaba.

Albamni kun hojii fi dadhaabbii dhuma Haacaaluun uummataa isaaf gumaache darbee waan ta'eef qaamni sirbicha yuutubii irratti fe'e jiru hatattamaan balleessuu qaba.

@Gadamagazine
@Gadamagazine


Forward from: Personal Development
Mohaammad Deeksisoo eessa akka geeffame erga wallaallee torbee darbeera jedhan maatiin.

Dargaggoon kun erga guyyoota saddeetiin dura qaama nageenyaatiin fudhatamee hanga ammaa eessa akka jiru hin beeknu jedhan maatiin Mohaammad Deeksisoo.

Abukaatoon isaa Obsinaan gamasaatiin, dargaggoon kun buufataalee poolisii magaalaa Jimmaa keessa jiran lamaan keessa akka hin jirre mirkaneefanneerra jedhuun BBC'tti himan.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa maal jedha?

Guutummasaa dubbisaa 👇
https://www.gadaamagazine.com/Recent-News/details/234/Mohaammad-Deeksisoo-eessa-akka-geeffame-wallaalaamee-


Forward from: Personal Development
Barattoota kutaa 12ffaa qormaata seensa dhaabbilee barnootaa olaanoo fuudhatanii Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teeknoolojii Adaamaa fi Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teeknoolojii Finfinnee dorgomanii galuu barbaadanif galmeen eegaluu ibsameera.

Ulaagalee galmee:-

Naannoolee ( Affaar, Sumaalee, Beenishaangul Gumuz, Gambeellaa)

Injinariingi : Dhiiraaf qabxii 415 fi isaa ol, Dubaraaf qabxii 410 fi isaa ol yoo ta'u,

Appilayiid Saayinsii: Dhiiraaf qabxii 400 fi isaa ol, Dubaraaf qabxii 395 fi isaa ol.

Naannoolee birootti:

Injinariingif : Dhiiraaf qabxii 420 fi isaa ol, Dubaraaf qabxii 415 fi isaa ol yoo ta'u,

Appilayiid Saayinsiif : Dhiiraaf qabxii 405 fi isaa ol, Dubaraaf qabxii 400 fi isaa ol ta'uu ibsameera.

Guyyaan galmee Bitooteessa 26 hanga Ebla 2 2013tti yoo ta'u qorumsii Ebla 8/2013 ni keennama.

Barattootni ulaagalee barbaachisuu guutaan iddoo jiraanitti karaa online marsaritii http://www.astu.edu.et fi
http://www.aastu.edu.et/ irratti galmaa'uu akka danda'an ibsameera.

@GadaaMagazine
@GadaaMagazine


Forward from: Gadaa Promotion
Odeeffannoo dhugaa Afaan Oromoon argachuuf chanaalaa armaan gadii #cuqasuun itti dabalamaa.👇


Forward from: Personal Development
www.daldalaa.com

Marsaariitiin daldalaa www.daldalaa.com jedhamu ifoomun tajaajila eegale.

• www.daldalaa.com warraaqsa diinagdee keessatti bu'aa guddaa taphata jedhamee eegama.

• Daldaltoonni kamiyyuu galmaa’uun meeshaalee fi tajaajila keessan marsaritii kana irratti gurgurachuu ni danda'u.

• Fayyadamtoonni marsaariitii kana irraa meeshalee barbaaddan hundaa karaa salphaa ta'een argachuu ni danda'u.

• www.daldalaa.com irratti galmaa’uun meeshaalee akka bilbila, laptooppii, Taableetii, Tiivii, konkolaataa, mana jireenyaa uuffataa fi kkf bitachuu fi beeksifachuu ni danda'ama.

Galmaa’uun tajaajila kana fayyadamaa.
👇
www.daldalaa.com/register
www.daldalaa.com/register


Forward from: Personal Development
Gadaa Magazine maatii barattootaa fi barattootaa kutaa 12ffaa sababa netoorkiin firii isaanii hin ilaaliin jiran gargaaruu feedha.

Barattoonni 'Registration number' keessan qofa garaa @gadaamagazineBot nuf ergaa. #SHARE

@GadaaMagazine
@GadaaMagazine


Forward from: Personal Development
#MinisteeraBarnoota

Qabxii olaanaan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa 669 ta'uun galmaa'e.


Barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2012 fudhatan 702 qabxii 600 ol galmeessuun isaanii ibsameera.

Barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa 2012 fudhatan walakkaan firii qormaaticha 350 ol galmeessaaniiru.

Firii qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ilaalchisee Ejansiin Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Biyyaalessaa ibsa laateera.

Ibsa guutuu 👇👇

https://www.gadaamagazine.com/Recent-News/details/233/Qabxii-olaanaan-qormaata-biyyaalessaa-kutaa--

20 last posts shown.

167

subscribers
Channel statistics