#EEBBA_KITAABA_FAYYAA_SAMMUU
Kitaabni Kun kitaaba saayinsii fayyaa, ogeessota ogummicha keessa jiraniin kan barreeffame yoo ta'u; Ogeessota fayyaa sammuu gita gara garaa irra jiran 30 oliin ilaalameera. Dabalataanis Hospitaala Ispeeshaalayizdii Sammuu Amaanu’eel dabalatee Hospitaalota tajaajila fayyaa sammuu kennan gara garaa, waldaa fayyaa sammuu Itoophiyaafi Ogeessota Yuunivarsiitiiwwan buleeyyin kan gulaalamedha.
Kana malees, gama ogbarruutin Waldaa Barreessitoota Oromiyaatiin seecca'amee, Deeggarsa Yuunivarsiitii Jimmaa, abbootii qabeenyaafi Hospitaala Ispeeshalayizdii Sammuu Amaanu’eelitiin maxxanee Hagayya 12, 2016 hoteela internaashinalii Ililliitti eebbaaf qophaa'ee jira.
Kitaabni kun qabxiiwwan gurguddoo armaan gadii irratti xiyyeeffatee barreeffame.
1. Waa’ee fayyaa sammuu irratti hubannoo hawaasa keenyaaf uumuuf.
2. Yaadotaafi ilaalchota dogoggoraa waa’ee dhibeewwan sammuu hir'isuuf.
3. Dhibeewwan sammuu beekamoo, rakkoowwan araadan walqabatanifi dhibeewwan gaggabdoo irratti ibsa baldhaa kennuuf.
4. Maqaa balleessiifi loogii akkasumas qoolliffannaa namoota dhibee sammuu qaban irratti taasifamu falmee sirreessufi
5. Tarkaanfiwwan qaamonni garagaraa tajaajila fayyaa sammuu kennuuf taasisan jajjabeessuufi tajajilamtoonni gara yaalaatti akka dhufan onnachisuu dabalata.
Irratti hirmaadha.
Gurmuu ogeessota yaala sammuutin