Biroo Barnootaa Oromiya(BBO)


Гео и язык канала: Индия, Английский
Категория: Образование


📙Teacher Guide
📙Student Books
📒Reference books
📂Model exams
🗞Metrics sheet
❓Study Tips 🤗 .....
👀 Cross and Promotion @GDPromotionBot
✅️Our Official BBO Channel
https://t.me/BirooBarnotaaOromiya

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Индия, Английский
Категория
Образование
Статистика
Фильтр публикаций


✅ Qormaatni_Naannoo kutaa 6ffaa waxabajjii 04-06/2017.


✅ Qormaatni_Naannoo kutaa 8ffaa Waxabajjii 09-13/2017tti ni kennama jedhamee kan eegamu yoo ta'u,

✅ Qormaatni_biyyoolessaa kutaa 12ffaa immoo, Akka Ejensiin Qormaataafi Iyyaafannoo Biyyoolessaa beeksisu irratti kan hundaa'u ta'a.

🔔 Jebadhaa Isiin Waliin Jirraa....

🗯 Gaffiwwan Shakalaa Adda Argachufii Channel Kenyaa Join Jechuu Akaa Hin Daganee

#Ad
https://t.me/major/start?startapp=956968061-2125594809-
https://t.me/major/start?startapp=956968061-2125594809-
👆👆👆👆👆👆👆👆

9.1k 1 22 15 124

25/06/2017
#BEEKSISA!
Barattoota #Kutaa_4ffaa_hanga_8ffaa jiran hundaaf
--------------
Biiroon Barnootaa Finfinnee Televizyiinii Addis Media Network (#AMN) waliin ta'uun Gosa Barnootaa #Herregaafi_Ingilffaa #Afaan_Oromoo_Amaariffaafi_Ingiliffaan har'a 25/06/2017 irraa eegalee;
- #Wixataa hanga Jimaataatti,
Galgala Sa'aatii 11:00 - 2:00
- #Sanbataafi Dilbata immoo,
Ganama Sa'aatii 2:00 - 6:00tti TV AMN irratti, Chanaalii AMN+ (plus) dabalatee barnoota kan dabarsan waan ta'eef, barnoota keessan mana keessan teessanii akka cimsattan(akka sagantaa cimsaatti) waan isin fayyaduuf akka hordoftan isin beeksifna.

#Maddi:- Fuula FB BiirooBarnootaa Finfinnee irraa kan arganneedha.


25/06/2017
#HUBACHIISA!

#Sirreeffamni_Iskeelii_Mindaa_Barsiisotaa, sadrakaa guddinaafi fooyya'insa sadarkaa barnoota barsiisotaa hindhoorku!
------------
#Sirreeffamni_iskeelii_Mindaa Barsiisotaa:
- Guddina Sadarkaafi
- Fooyya'insa Sadarkaa Barnoota barsiisotaa #HINDHORKU.

Kanaafuu, Godinootnifi Bul/ Magaalotaa dogoggora kana keessa galtan hatattamaan akka sirreeffatan isin beeksisaa,

#Hubachiisa :- Qajeelfama Raawwii Iskeelii Mindaa Qaala'insa Jireenya Hojjattoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dandamachiisuuf bahe - Lakk. 17/2017 ilaalaa.

#Ad
https://t.me/major/start?startapp=956968061-2125594809-
👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆


Gaaffilee_Afaan_Oromoo_Eebbifamtoota_KBB'F_Qophaa'e_bara2012.pdf
354.7Кб
📙Teacher Guide
📙Student Books
📒Reference books
📂Model exams
🗞Metrics sheet
❓Study Tips 🤗 .....
👀 Cross and Promotion @GDPromotionBot
✅️Our Official BBO Channel
https://t.me/BirooBarnotaaOromiya


Gaaffii Shaakala Herregaa Edeted BT.pdf
297.2Кб
📙Teacher Guide
📙Student Books
📒Reference books
📂Model exams
🗞Metrics sheet
❓Study Tips 🤗 .....
👀 Cross and Promotion @GDPromotionBot
✅️Our Official BBO Channel
https://t.me/BirooBarnotaaOromiya


✏️ ADWA

✅ THE AFRICAN VICTORY




Oromiyaatti bara kana Barattoonni kumni 200 ol Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa ni fudhatu –BBO

Naannoo Oromiyaatti bara Barnootaa 2017 barattoonni kumni 200 fi kumni 12 fi 600 ol Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan fudhatan ta’uu Biiroon Barnootaa naannichaa beeksise.

Naannichatti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa waraqaa fi Onlaayiniin kennuuf qophiin barbaachisu taasifamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

Haaluma kanaan barattoonni kumni 200 fi kumni 12 fi 600 ol qormaata biyyaalessaa kan fudhatan ta’uu eeruun, Qormaaticha Waraqaa fi Onlaayiniin kennuuf qophiin barbaachiisu taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Kanneen keessaa % 47 shamarran ta’uus eeraniiru.

Barattoota qormaata fudhachuuf jiran keessa % 59  Saayinsii Umaamaa kan fudhatan yoo ta’uu, % 41 ammoo qormaata Saayinsii Hawaasaaa akka fudhatanis ibsaniiru.

Manneen Barnootaa Bultii Addaa Ifa Boruu 7’n jiran keessaa barattoonni 711 ol yeroo jalqabaaf qormaata kan fudhatan ta’uu himaniiru.

Barattoonni kumni 50 ol onlaayiniin akka qoramaniif haalli mijataa jiraachuu kaasaniiru.

Wiirtuuwwan barattoonni qormaata Onlaayiniin itti qoraman adda baafamaa jiraachuus dubbatanii, Wiirtuulee kanneenitti haalli mijataa jiraachuu himaniiru,

Bara darbe yeroo jalqabaaf onlaayiniin qoruuf sodaan garaagaraa turus bu’aan isaa olaanaa waan ta'eef bara kana muxannoo bara darbeerraa argameen adeemsicha caalmaatti fooyyessuuf kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Galteewwan qormaatichaaf barbaachisan guutuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu wajjiin qindoominaan hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Barattoonni Barnoota isaanii idilee xumuruun qormaataaf qophii barbaachiisuu akka taasisan, akkasumas barsiisonnii fi maatiin gahee isaanii akka bahatan Dooktar Tolaan dhaamaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

#Caps
https://t.me/DurovCapsBot/caps?startapp=956968061
https://t.me/DurovCapsBot/caps?startapp=956968061

15.3k 1 12 12 134

Dura Bu'ootaafi Itti Aantota Manneen Barnootaa 900 ol Ta'aniif Mata Duree "#Mental_Health & #Psycho_Social" Jedhamu Irratti Leenjiin Kennamuu Eegale.
-----------
BBO- Guraandhala 21/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa waliin ta'uun dura bu'ootaafi Itti aantota dura bu'oota manneen barnootaa godinaalee rakkoo namtolcheefi uumamaa dandamatanii barnoota itti fufsiisaa jiran filachuun mata duree "Mental Health and Psycho Social jedhuufi Haala Hoggansa Manneen Barnootaa" irratti leenjii guytaa 3f turu leenjitoota 900 ol ta'aniif bakka hoggantootni BBOfi MBI argamanitti Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa - Adaamatti gaggeeffamuu eegaleera.

Leenjicha kan haasaan banan Ministeera Barnootaatti Daayirektara Leenjiifi Misooma Barsiisotaa Dr. Muluuqan Nigaatuu yoo ta'an, haasawa taasisaniin leenjiin har'a eegalamu kun leenjii kanaan dura kennamaa ture irraa adda ta'uu himuun, kanaan dura leenjii n kennamaa ture qulqullina barnootaa fooyyessuuf dandeettii haggansaafi barsiisotaa sagantaa dheeraafi gabaabaan kennaa kana turan yoo ta'u, kan har'aa kun immoo, hoggantoota MBfi Barsiisota MB Godinaalee sababa nageenyaatiin rakkoo keessa jiraataa dhaloota qaraniif cimina xiin-sammuufi tasgabbii irratti leenjiifi muuxannoo akka argatan gchuuf ta'uu, leenjitootaaf dinqisiifannaa qaban ibsuun leenjichi ifaan ifatti banamuu ibsaniiru.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo leenjitootaan "Baga Gara Giddu Gala Leenjichaa Nagaan Dhuftan!" jechuun simannaa erga taasisanii booda, leenjitootni rakkoo nageenyaafi rakkoo haala qilleensaa dandamatanii manneen barnootaa hogganuufi barsiisuun dhalootaa ceesisuuf aarsaa kafalan kan dinqisiifatan yoo ta'u, haala mijaawaa otuu hin eegin yerootti fayyadamuun adeemsi baruu barsiisuu akka hin gufanne kutannoon hojjachuun isaanii kabajaafi quuqama lammiif qaban agarsiisa jedhaniiru.
Leenjiin har'a jalqabu kunis, Godinaalee filataman keessatti, barattootni keenya tasgabbii sammuu, walitti dhufeenya hawaasa MBfi hawaasa naannawa MBtti argaman fayya qabeessa akka ta'u, barattoota miidhaan maatiifi hawaasaa isaan qunname xiin-sammuun isaanii akka hin miidhamne itti dhihaachuun jajjabeessuufi sirreessuf kan gargaaru waan ta'eef leenjicha yaadaafi qalbiin akka hordofan dhaamsa dabarsaniiru.

Qulqullinni barnootaa adeemsaan kan mirkanaa'u yoo ta'u, tasgabbiin sammuu barattootaafi barsiisaa hundaa ol murteessaa ta'uu kan ibsan I/A hog. BBO Dr. Bultoosaa Hirkoo yoo ta'an, dura bu'ootnifi I/A Manneen Barnootaa har'a leenjii eegalan kun barattoota keenya sammuu tasgabbaa'aa ta'een barnoota isaanii akka hordofan gochuu irratti ammasa gaheen isaanii olaanaa ta'uu ibsaniiru.

Leenjicha kan kennan ogeessota barnootaafi barsiisota Yunivarsiitii Arsii, Haramayaa, Amboo irraa walitti babahaniin kan kenamu ta'uu qindeessaan leenjichaa obbo Shamsaddiin Ibraahim himaniiru.

Dhumarratti, Leenjitootni garee gareen qoodamuun kutaa leenjichaaf qophaa'e keessatti leenjicha guyyaa 3f turu eegalaniiru.


Which Grade Student Are You 🫵?
Опрос
  •   ❗️ Grade 7 ❗️
  •   ❗️Grade 8 ❗️
  •   ❗️ Grade 9 ❗️
  •   ❗️ Grade 10❗️
  •   ❗️Grade 11❗️
  •   ❗️Grade 12❗️
1884 голосов


Saayinsii Waliigalaa Kutaa-8.pdf
16.6Мб
Barnoota Hawaasaa Kutaa-8.pdf
8.5Мб
📙Teacher Guide
📙Student Books
📒Reference books
📂Model exams
🗞Metrics sheet
❓Study Tips 🤗 .....
👀 Cross and Promotion @GDPromotionBot
✅️Our Official BBO Channel
https://t.me/BirooBarnotaaOromiya

#Ad
https://t.me/cexio_tap_bot?start=1716295512837805
👆👆👆👆👆👆👆👆👆


Ogeessotni Barnootaa Biiroo Irraa #Hojii_Supparviizyinii_Marsaa_2ffaa Taasisuuf Bobba'an Hojii Jalqaban
-----------------
BBO- Guraandhala 19/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojii gurguddoowwan hojjachaa jiru keessaa tokko ogeessota barnootaa BBO keessa jiran gara Godinaalee bobbaasuun, ogeessota barnootaa Waajjira Barnootaa Godinaalee/Magaalotaafi Aanaalee waliin qindaa'anii supparviizyinii barnootaa hanga daree barnootaatti hordoffiifi deeggarsa ogummaa taasisuudha.

Haaluma kanaan hordoffiifi deeggarsa ogummaa(supparviizyinii barnootaa) marsaa 2ffaa gaggeessuuf ogeeessotni biiroo irraa bobba'an oggeessota barnootaa Waajjira Barnootaa Godinaa, Magaalaafi Gumii Tiraansifoormeeshinii Barnootaaf(GTB) adeemsa hojii supparviizyinichaa irratti ibsa(orientation) kennuun garaAanaaleetti bobba'uu jalqabaniiru.
Ogeessota barnootaa sadarkaan jiraniif ibsi hubannoo kan kennamu 17-23/06/ 2017tti akkuma haalli mijatetti kan itti deemamu yoo ta'u, Godinootnifi Magaalotni hojii jalqabaniifi ragaa arganne keessaa;
#Godina Gujii,
#Godina Shawaa Bahaa,
#Godina Arsii,
#Godina Jimmaa,
#Godina Shawaa K/Lixaa,
#Godina Wallaggaa Lixaa,
#Godina Booranaa fa'a yoo ta'an godinaaleefi magaalota hafanittis hojii kan itti fufe ta'uun himamaa jira.
Walumaa galaatti, supparviizyiniin barnootaa marsaa 2ffaa kun, akkuma, marsaa 1ffaa, #kaayyoon_isaa Manneen Barnootaa #hordofuu_deeggarsa_ogummaa_kennuu_bakka_barbaachisaa ta'etti #tarkaanfii_sirreeffamaa fudhachuun rakkoo hiikuudha.

Kanaafuu, hojiin supparviizyinii barnootaa marsaa 2ffaa akka galma gahu hawaasni MB, haawaasni naannawa MB jiran, #keessattuu_barsiisaan_maatiin_barataafi_barattootni akkuma kanaan duraa gaheen keessan olaanaa ta'uu qaba kan jedhu dhaamsa biiroo keenyaati.


"Waggoota sadan darban keessa Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu Kuma 17 ol hirmaannaa hawaasaatiin ijaaraman"!
Dr. Bultoosaa Hirkoo


Barsiisota #Barnoota_Hojiifi_Gochaa Barsiisaniif #Mala_Baruu_Barsiisuu Irratti Leenjiin Kennamuu Eegale.
-------------
BBO- Guraandhala 16/2017 Sirna Barnootaa biyya keenyaa keessatti yeroo jalqabaatiif barattoota kutaa 12ffaa xumuranii Yunivarsiitii galuu hin dandeenyeef carraa ogummaan hojjatanii jiraachuu kan uume barnoota Hojiifi Gachaa bocamuufi hojiirra ooluusaati.

Barnootni Hojiifi Gochaa xumura kutaa 12ffaa booda gulantaa (level) adda addaa kan qabu yoo ta'u, barnoota isaa itti fufuu kan barbaade gulantaalee jiran xumuuruun ogummaan sadarkaa olaanaa irra gahuu kan danda'uudha.
Barnootni Hojiifi Gochaa bara 2017 irraa jalqabee 11ffaa -12ffaatti hojiirra kan ooluu yoo ta'u, bara kana kutaa 11ffaa irraa jalqabameera.
Barnootni Hojiifi Gochaa yeroo ammaa Saayinsii Umamaa jalatti damee 6, Saayinsii Hawaasaa jalattis haaluma walfakkaatuun damee 6 akka qabu beekameera

Leenjiin Mala Baruu Barsiisuu Barnoota Hojiifi Gochaa barsiisan MB Sad. 2ffaa Oromiyaa irraa walitti babahan marsaa lammaffaa 772 guyyaa shaniif gaggeeffamu har'a Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa -Adaamatti eegaleera.

Leenjichi mala baruu barsiisuu barsiisota barnoota Hojiifi Gochaa barsiisaniif kennamu kun marsaa tokkoffaa barsiisota 903 kennamee kan ture yoo ta'u, mata duree leenjichi irratti kennamus;
1-Curriculum concept & Foundations
2-Quality Teaching & Active Learning
3-Diverse Learners & Claasroom Mgt.
4- Assessment & Planing
5-Student Well-being & Closure yoo ta'u, leenjichi kan kennamus hayyoota Yunivarsiitii Arsiifi ogeeyyota olaanoo BBOtiin ta'uun beekameera.

Waltajjii leenchichaa hasawaan kan banan hogganaa BBO Dr. Tolaa Bariisoo yoo ta'an, haasaa taasisan keessatti kaayyoofi barbaachisummaa leenjichaa erga ibsanii booda leenjitootaaf dhimma sadi irratti yaboo ('adaraa') dhaamanii jiru.
1- Ogummaa qabdan lammii keessaniif gahumsaan qoodaa,
2- Jaalala ummata keessanii qabaadhaa
3- Hojii ogummaa barsiisummaa kabajsiisu hojjadhaa jechuun yaboo('adaraa') jechuun leenjichi banamuusaa addeessaniiru.
Dhumarratti, Daayirektarri Daayirektoreetii MB Sadarkaa 2ffaa Doktora kaadhimamaa Mangistuu Lataa leenjitoota gara daree leenjiitti qoqqooduuf rabsuun leenjichi haala mijawaa ta'een eegalsiisaniiru.

24.5k 1 25 10 170

#YAADACHIISA

#Barattoota_Qormaata_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa Bara 2017 Fudhachuuf Qophaa'aa Jiran Hundaaf
-------------
BBO- Guraandhala 12/2017 Qormaatni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2017 kan qophaa'u; -Kitaaba Kutaa 11ffaafi 12ffaa #Sirna_Barnootaa_Haaraa keessaa yoo ta'u,
- Kutaa 9ffaafi 10ffaa #Sirna_Barnootaa_Moofaa keessaafi #Barnootni_Ikoonomiksii immoo Sirna Barnootaa Haaraa Kutaa 11ffaafi 12ffaa keessaa qofa qormaatni kan qophaa'u ta'uun hubatameera.
Dabalataanis, barattootni kutaa 10ffaatti sirna barnootaa haaraan baratanii turan gaaffii sirna barnootaa lamaanuu keessa jiru irraa waan qophaa'uuf garagarummaan hin uumamu.
Kanaafuu, Barattootni keenya haala ibsame kanarratti hundaa'uun akka qophooftan isin yaadachiifna.

Barsiisotniifi maatiin barattootaas deeggarsa barattoota keenyaaf taasisaa jirtan kanaan akka itti fuftan kan jedhu dhaamsa biiroo keenyaati.

Walumaa galatti, #Qormaatni_Kan_Qophaa'u #Sirna_Barnootaa_Barataa_turtaniifi_jirtan keessaa ta'uusaa mirkanaa'eera.
Waan hin baranne hin qoramtan, kanaafuu, kan barattan irratti qophaa'aa!

CARRAA GAARII !

@BirooBarnotaaOromiya
@BirooBarnotaaOromiya

33.6k 1 105 49 308

✅ Qormaatni_Naannoo kutaa 6ffaa waxabajjii 04-06/2017.


✅ Qormaatni_Naannoo kutaa 8ffaa Waxabajjii 09-13/2017tti ni kennama jedhamee kan eegamu yoo ta'u,

✅ Qormaatni_biyyoolessaa kutaa 12ffaa immoo, Akka Ejensiin Qormaataafi Iyyaafannoo Biyyoolessaa beeksisu irratti kan hundaa'u ta'a.

🔔 Jebadhaa Isiin Waliin Jirraa....

🗯 Gaffiwwan Shakalaa Adda Argachufii Channel Kenyaa Join Jechuu Akaa Hin Daganee

@BirooBarnotaaOromiya
@BirooBarnotaaOromiya

41.5k 1 100 85 480

Barnootni Semisteera 2ffaa Haala Ho'aa Ta'een Jalqabame.
---------------------
BBO- 06/06/2017 Manneen Barnootaa Naannoo Oromiyaa keessatti argaman hundi Guraandhala 03/2017 irraa eegalee barnoota haala ho'aa ta'een jalqabuu supparvaayizarootni daawwannaarra turan himaniiru.

Barnootni Semisteera 2ffaa guyyaa bornootaa 82 qofa kan qabu yoo ta'u, hanga har'aatti guyyaa 4ffaa barnootni kennamaa waan jiruuf, ammaa achi ( 82- 4 = 78) guyyaan barnootaa 78 qofatu hafe jechaadha.

Kanaafuu, barnoota keessatti guyyaan 1 ykn wayitiin barnootaa 1 gatii olaanaa akka qabu waan beektaniif barsiisotniifi barattootni keenya qixa sirriin akka itti fayyadamtan dhaamsa keenya ta'a.

Kalaandariin Barnootaa Semisteera 2ffaa guyyaan qormaatni naannoo kutaa 6fi 8, qormaata biyyoolessaa kutaa 12 kennamu dabalataa guyyaa 97 ta'ullee, guyyoota qormaataa kanneen barnootni kutaalee hafaniif waan hin kennamneef semisteerri 2ffaan guyyaa barnootaa 82 qofa taasiseera.

#Qormaatni_Naannoo kutaa 6ffaa waxabajjii 04-06/2017.
#Qormaatni_Naannoo kutaa 8ffaa Waxabajjii 09-13/2017tti ni kennama jedhamee kan eegamu yoo ta'u,
#Qormaatni_biyyoolessaa kutaa 12ffaa immoo, Akka Ejensiin Qormaataafi Iyyaafannoo Biyyoolessaa beeksisu irratti kan hundaa'u ta'a.

#Qisaasama_Wayitii_Barnootaa_Hambisuun_Qulqullina_Barnootaa_Haamirkaneessinu!
Bara Barnootaa Milkii Haata'u!

36.7k 1 68 14 187

⚡️ Try This Bot
@ExitExamResult2025Bot
@ExitExamResult2025Bot
@ExitExamResult2025Bot
👉👉👉👉👉👉

⚡️Share ⚡️Share ⚡️Share


⚡️⚡️⚡️⚡️⚡️⚡️⚡️⚡️

⚡️ Website Asii Gaddin Fayyadamuun Akkaa Ilaluun Dandamuu Ibsameraa !!

https://result.ethernet.edu.et

🤑AD
https://t.me/PAWSOG_bot/PAWS?startapp=mybIHLpH
👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉


#ExitExam #Result

Bu'aan qormaata bahiinsa yunivarsitii guyyaa har'aa waaree booda akka gadhiifamu gamtaa barattoota irraa dhagahameera.

Barattoonni qormaata bahiinsa yunivarsitii/#Exit_Exam/ fudhattanii qabxii eeggataa jirtan obsaan nu eeggadhaa.

Odeeffannoon kan gamtaa barattoota Yunivarsitii Maqaleeti.

https://t.me/BirooBarnotaaOromiya

Показано 20 последних публикаций.