#Jijjiirama ilaalchisee namootni
bakka gurguddoo 5tti qoodamu.
A. 2% warra dursanii jijjiirama fudhataniifi jijjiirama fidan/ kanneen kalaqaan beekamanidha.
B. 10% kanneen saffisaan jijjiirama dhufetti madaqanii fudhatanii hojii irra oolchanii itti fayyadamanidha.
C. 60% sadarkaa giddu galeessaatti jijjiirama dhufe kan fudhatan(middle adopter/ kanneen ta'anidha.
D. 20% kanneen jijjiirama dhufe suuta fudhatanidha. Akkumafudhachuuf harkifatan bu'aa isaa irraa fayyadamaa ta'uufis akkasuma harkifatoo ta'u jechuudha.
E. 8% kanneen tasumaa jijjiiramaaf fedhii hin qabneefi jijjiiramuu hin barbaanne wanti hundi akkuma baratametti akka itti kan fedhan, jijjiiramni waan balaa qabutti kanneen yaadanidha.
Namni kamiyyuu kanneen armaan olitti tarreeffaman shanan kana keessaa garee tokko jalatti ramadama. Erga akkas ta'ee ati garee kam jalatti ramadamtare?
"Jijjiiramaaf ana caalaa namni sirriin, amma caalaa yeroon sirriin, addana caalaas bakki sirriin hin jiru!".
@WABIISG Galatoomaa
Sanyii Guddataa