Postlar filtri


Kitaabicha irraa kan fudhatame


Ogummaawwan gurguddoo jireenyi si gaafattu keessaa inni tokko namoota sirrii ofitti marsuudha. Namoota gatii mul'ata kee haala ati keessa jirtuun hin madaalle, namoota egeree keetti amanan, namoota galma gahumsa keef waan danda'an hundaan si deggeran, namoota si jabeessan si barbaachisa. Namoota akkanaa hedduu naannoo keetii argachuu dhiisuu dandeessa. Muraasuma yoo argatte garuu baay'ee si fayyadu. Namoota mul'ata kee hin deggere kumootaan marfamuu irra namoota si waliin dhaabatan namoota shan of duubaa qabaannaan ati carra-qabeessa.
Namoonni ati guyyaa guyyaatti yeroo waliin dabarsitu jireenya kee irratti dhiibbaa guddaa uumu. Hammuma yeroo wajjin dabarsaa deemtu yaadota isaaniin mo'amaa deemta. Deemsa keessa gara yaada isaaniitti qajeelta. "Hiriyyoota kee natti himi, eenyu akka taaten sitti himaa!" kan jedhamu kanaaf. Hiriyyoonni kee kallattii jireenya kee bocuu irratti ga'ee guddaa taphatu.
Jireenya keetti marsanii kan jiran namoota mul'ata hin qabne yoo ta'an, atis gara mul'ata-dhabdummaatti deemta. Namoota mul'ataa fi kaayyoo qabaniin yoo marfamte immoo atis gara mul'ata keetti imala taasistuuf galtee guddaa isaan irraa argatta. Kanaafuu, namoota guyyaa guyyaatti yeroo waliin dabarsitu filachuu irratti of eeggannoo guddaa taasisuutu si irraa eegama.


Kitaaba kana gabaa irraa argachuu dandeessu. Ammaaf manneen kitaabaa naannoo Atoobustaraa jiranii argattu.




Marii guddaatti jirra. Ammuma seenaa nu hordofaa!




Dhugaan_Ni_Mo'a!
(Eebbisaa Baayisaa)
"Dhugaan ni qal'atti malee hin cittu!" dubbiin jedhu mammaaksa qofa miti. Dhugaa walii galaati. It is a universal truth! Hammamuu haa qal'attu, hammamuu waan cittu haa fakkaattu malee dhugaan cittee badduu hin baatu.
Eenyu iyyuu yoo ishee awwaale awwaala dhugaan diigdee hin kaane hin jiru. Maaliif? Dhugaan dhugaadhakaa!
"Karaan sobaan darban gala nama dhiba!" inni jedhamus mammaaksa humna guddaa of keessaa qabudha. Sobaan hamma ta'e deemuun ni danda'ama. Rakkoon isaa garuu karaa sobaan darban sana irra lammaffaa deemuun hin danda'amu! Sobni sobadha. Raawwatee dhugaa ta'uu hin danda'u.
Qannoo fi qananii sobni nama gonfitu irra gidiraa dhugaan nama agarsiistu wayya. Quufa sobni hamma handhuurri nama hiikkatutti nama quubsitu mannaa godoo dhugaa keessatti beela'uu wayya. Biiftuu sobaa qarri ishee ija nama waraanu irra dukkana dhugaatu humna qaba. Yeroof malee, yeroo booda biiftuun sobaa jaamtee dukkanni dhugaa bari'uun akka waan ta'eef.
Biyyi koo namoota akaakuu lama qabattee tirachaa jirtu. Muraasa sobni kabajjee fi miliyoonota dhugaan gidirsitu. Lachuufuu ergaan koo kunooti: Bor akka har'aa miti. Sobatti dhihuuf, dhugaaf immoo bari'uutti deemaa jira. Kanaafuu, namoonni dhugaatti cichitanii dukkana dhugaa keessa jirtan abdii hin kutiinaa. Sobni akka bari'etti dhugaan immoo akka dhi'etti hin hafu! Darbuun isaa dirqama!
Eebbisaa Baayisaa


Galatoomaa!




Qophooftanii?




Nagaan hunda keessaniif haa ta'u!


"'Haa taa'u!' jedhe Jaldeessi dhagaa galagalchee bofa jalatti argee!" jedha Oromoon yoo mammaaku.


Deemsi itti fufa!




Dilbata dhufu turtiin keenya Bilisummaa waliin haa ta'u. Dargaggoo qaxalee kana haa jabeeffannu. Yeroo fi bakka poosterii irra jirutti argamnee ogbarruu keenya haa jabeessinu.
#deemsiittifufa




Kitaabni asoosamaa barreessaa Boriifam Baacaan barreeffame qulqullina ol-aanaan maxxamfamee xumuramee jira. Namni kamuu akka dubbisun dhaama.




Deemsi itti fufa!

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.