Dhukkubni Saree Maraachu Itiyoophiyaatti Waggaatti Namoota Kumaan Lakkaawaman Ajjeesa, Jedhame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/dhukkubni-saree-maraachu-itiyoophiyaatti-waggaatti-namoota-kumaan-lakkaawaman-ajjeesa-/6258031.html
Dhukkubi saree maraachu waggaatti namoota kumaan lakkaawamu akka ajjeesu Giddugalli Qorannoo Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa beeksise. Giddu-galichatti qorataa ta’an Dookter Yimer Mulugeetaa, dhukkubi saree qalbii fuudhu kun waggaatti lammilee Itiyoophiyaa kuma lamaa fi dhibba torbaa ol ajjeesaa jedhan. Dhukkuba Kanaan Itiyoophiyaan Afriikaarraa sadarkaa lammataarra ka jirtu tahuu himanii kanaaf sababaan namni hubannoo dhabuudha jedhan. Ministeerri Qonnaas dhibee kana to’achuuf hojiittan jira jedhaa. Gabaasaa guutuu caqasaa.