Yunaayitid Isteets fi Taalibaan marii taasisan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/yunaayitid-isteete-fi-taalibaan-marii-taasisan/6266243.html
Egaa U.S Afgaanistaanii baatee gareen Taalibaan biyyattii deebisee qabatee as yeroo jalqabaatiif Yunaayitid isteet fi Taalibaan Kaataar keessatti wal arganii marii taasisaniiru.
Dubbi himaan garee Taalibaan Suhail Shaheen walga’ichaan dura akka jedhanitti, walti dhufeenya Diplomaasii fooyyesuudhaaf dhimmoottan faaydaa qabeessa ta’an iftoominaan akka ka’n dubbataniru.
Dubbi himaan Ministeera dhimma alaa yunaayitid isteets Niid Praayis ibsa dilbata kaleessaa kennaniin akka jedhanitti, mariin Taalibaanii wajjin taasifame ifa qabeessaa fi beekumsaa irratti kan hundaa’edha jedhaniiru.
Taalibaan hojii isaatiin malee haasaa isaatiin madalamuu hin qabu kan jedhan Niid Praayis, dhimmi nageenyaa fi shororkeessumaa, akkasumas waa’een lammiilee U.S fi froottan isaanii Afgaanistaanii baasu , waa’een mirga namoomaa dhimmaa mirga dubartootaa fi ijoollee durbaa ijoo marii akka ta’e himaniiru.Yeroo ammaa ijoolewwan Miiliyoona tokko ta’an akka balaa beelaatiif saaxilamuuf deeman U.S ibsitee jirti. Walgahiichii kan jalqabee sambataa darbe maagaa Dohaa keessatti.