Репост из: Galaa Sammuu
Ani Itiyoophiyaanoota hin amanuu jedha Ba'aaluu Girmaa kitaabasaa የቀይ ኮከብ ጥሪ jedhu keechatti.
Ani Itiyoophiyaanoota hin amanu, ofii kootii calqabee. Nuti namoota maaskiidhaan haguugamnee jiraannudha. Bifti nuti namatti agarsiifnuu fi uumamni keenya inni dhugaan lafaaf saamiidha. Sana irratti hamaa fi gaarii; tokko kan kaan irraa adda ittin baasnu ulaagaa hin qabnu. Safartuun bu’uuraa nuti keenyu waan kamiyyuu irratti dantaa dhuunfaa keenyaa qofa. Kanaafidha gidiraan kan heeddummaatuuf. Hiikni hiriyummaa ykn obbolummaa kan hin beekamneef. Hamii, maqa balleessii fi odeessi ragaa hinqabne kan baay'atuuf. Akka Itoophiyaanootatti qajeelfama tokko qofa beekna, "dantaa dhunfaa ofii" qofa. Yoon du'e malee abaluu hin amanuu jennee dhaadanna.
Faayidaa keenyaaf yoo ta'e ni sobna. Ni ajjeesna. Ni hiina. Wantoota kana yommuu hojjennu qalbiin keenya hin jeeqamu. Qalbiin faayidaa dhuunfaatiif bitame akkamitti gaabbuu dandaʼa silaas?
Gantummaarra hin deebinu. Tooftaan nuti faayidaa dhuunfaa argachuuf fayyadamnu fira diina irraa adda hin baasu, inaaffaa fi hammeenyi amala keenya. Hiika safuu fi amanamummaa afaaniin malee hin beeknu. Walumaagalatti qalbii gaarii fi hamaa adda baasuu danda’u hin qabnu. Namni nu barsiisees hin jiru. Barachuufis fedhii hin qabnu. Wanti baranne ummata duratti nama fakkaachuudha. Bara kana keechaa immoo Facebook irratti nama gaarii fakkaatanii mul'achuudha. Addababaayirratti namni hundi gootaa, kabajamaa, ulfina kan qabnu, amanamaa, gocha badarraa kan fagatee, hojii nama boonsu kan hojjetu, garaa qulqulluu kan jiraatu, yaada gaarii kan qabu, amanamummaan lapheensaa kan guutame, beekaa, hayyuu, qaroo fi gad of qabuun kan jiraatu fakkaanna alatti. Kun haguuggii fuulaa ummata duratti uffannudha. Haguuggii fakkeessummaa gocha hamminaa keenya ittin awwaallu.
Garuu jireenya dhuunfaa keenya keechatti araada inaaffaa, shira, daba, soba, olola fi odeessa mataaf miilaa hin qabne irraa bilisoomne hin beeknu.Faayidaa dhuunfaaf jecha, maqaa balleessii, oduu soba fi fakkeessummaa irraa hin fagaannu. Amalli nu ibsu fakkeessummaadha. Haguuggii fakkeessummaa jala jiraanna. Haguuggii fuulaa malee ni jibbisiisna. Yeroo haguuggii fuulaa ofirraa baasnu ni fokkisna.
Via: #Dinku_LK_Sarda