...
Jaalala dhugaa beeka. Nama marara. Miskiina, onnee qulqulluu qaba. Nama amana. Seera jaalala uumamaa hin dabsine. Arra hin jedhin malee, gaaf tokko, gaafa tahe tokko, namni kun, Yeroo nama tahe tokko jaalachaa turetti, dubartoota biliyoona keessaa takkittii san filatee jaalate. Jaalatee filatee dhabe. (4)...
Jaalatee dhabuu isaa miti, isiin sobamee maqaa jaalala sobaatiin yeroo isaa bareedduu san gubuu fii onneen isaa akka 2ffaa Jaalala hin keessumessine ugguramuutu isa miidhe. Jaalachuun isaa yakka hin ture. Garuu, nama hin taane yeroo hin taanetti jaalachuun isaa akka isa miidhe fuula isaatu dubbata. Haalasaa yeroo laalte, Akka tokko tokko yoo laalte, fayyuma fakkaata. Ni maraates akka hin jenne, namumarraa adda bahee urjitti firoome malee, namuma baqatee fira urjiilee fii kitaabota tahe malee hin maraanne! Fayyaas haa tahu maraataa, an garuu namichi natti tola! Miskiinticha! (5)..
Halkan yeroo isaati. Keessaafuu erga birraan baritee jiini october eegale irraa kaasee ijjisaa gamii samii halkanii deebiti. Ji'a kana Urjiileen inni jaalatu, Urjiileen Orion halkan gara galgalaa irraa kaasee mullachuu eegalu. Ji'oota hedduuf hin mullatan ture. Kanaaf ni yaade. Samiin halkanii isaaniin bareeddi. Pleiades (Urjii torban), Aldebran diimaa fii Betelgeuse diimaa, Rigel fii Sirius cuqulisota hanga'oo kana arkuu yaadee amma isaan ol eegee gammada. (1)...
Boorsaa dulloomaa tokko, kan yeroo hunda if biraa hin hambifne, achi keessatti kitaabota hedduu walitti qabee kan deemuun qaba. qalama, qarraa (lightera), fii buraashan bishaan itti habbuuqu jalaa hin hafan. Nama isa dubbise malee hin dubbisu, kitaaba ammoo ni dubbisa. rifeensa isaa guddisee bosona baalee fakkaata. Kan inni eeguus uumama. Urjiifaa! Namni yoo isa dhaheehuu hin ilaalu. Kan isa yaames, sakandi 1 qofa laala. Namaan haasawutti, nama laaluuf yeroo isaa hin gubu! (2)...
Halkan toora walakkatti dhiyaate, lafa magariisa mukkeen tarree galee ifni magaalaa akka itti hin ifne dukkaneeyse keeysa deeme seene. Boorsaa isaa duydarraa if fuudhee boraatii godhate, duydaan ciisee mataan irra ciise, miilasaa tokko citarra achi diriirseeti kaan ammoo jilbatti cabsee ol dhaabe. Ciisee urjiilee samii daawwate. yeroof, turtii daqiiqaa 8 hin caalle erga callinsaan guutamee garba urjiilee daawwate booda, borsaa isaa mataa jalaa if fuudhe. Kitaabota keessaa Kitaaba tokko baasee if maddii kaaye. Boorsaa bakka turetti deebiseeti qarraa baafatee itti shide! Haalala dhaabbatee nama laaleef, yeroo inni xuuxu, ibiddi dhamalli ifee dhaamu ifa hazard garsiisu kan saffisaan hin hin ifne fakkaatti! (3)...
(6)... 🌌
(0)...
—✌️
@orolovechats