Dhaamsa Jaalalaa 💝


Kanal geosi va tili: Hindiston, Hindcha


"Ganama hunda yeroon hirriba irraa dammaqu garaakoo jalaa yoon sidhabe silkii koo keessan 'text' kee barbaada".
👆
Haala kanaan ergaa jaalalaa waan garaa kan keetii nama akka lubbutti jaalattu afaan feeteen argachuu ni dandeessa!.
@samii_koo

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Hindiston, Hindcha
Statistika
Postlar filtri


Obboleettii too
****
Maaliif...?
Maaliif..?

Maaliif suuraa tee dhiiraaf Raabsita ? Ati nama suuraadhaan madaalamuu ?

Maaliif bilbila keenniteefii akka mucaan sirratti dawwalee waan fedhe siin jedhee khabaja kee xiqqeessu maaliif goota ? Suuraa tee yoo erguu baatte bilbila kee erguu yoo baatte xiqqeenyi simudatu maali? Manattiin hafaa jaarsaan dhabaa ani nama rakisha jechuutu sitti dhagahamee ? Akkas sitti fakkaatee ?

Wallaahi Jaarsa hin dhabdu dhabuu yoo rabbiin sitti murteesse malee.
Ati nama rakishaa miti garuu rakishummaan kee guyya ati suuraafi bilbila kee daangaa dabartee dhiiraaf raabsuu eegalte irraa akka eegalu beeki.

Mucaan inta baalagee ollaa isaanii jirtu tan bakkaafi yeroo inni yaametti itti dhuftu san dhiisee siwajjiin wal baruuf maaliif rakkata ?

Eeyyeen

Eeyyeen isii San xureessee jira ati qulqulluu waan taateef sixureessuuf dhufe akkasitti beekteeti qulqullummaa tee qabattee turta moo namusa kee guyyaa tokkoon dhabdeeti dikerratti gatamta?

Maaliif ?

Maaliif Gurbaan durriyyeen kaleessa si eegale sun intala sidura wajji deemuu ture San maaliif dhiisee siin wajji walbaruu barbaade ? Ta isii San duraa San hoo eessaan gahee dhiise ?

Waan biraatiifii miti!

Wanni inni ta kaleessaa San dhiisee si eegaluu barbaadeef namni fooxaa xuraawaadhaan harka hin qulqulleefatu intalti qulqulluu waan turteef kaleessa hiriyaa godhate itti fayyadame waan fedhu jedheenii bakka garaa isaa gahee jira.

Arra immoo ciree oowwaa irraa hin sooratamin soorachuu waan barbaadeef gama kee dhufe arra si nyaatee boruuf ciree hoo'aa biraa barbaaddachuuf akka jiraatu hin dagatin.
Ani dubartiin jaaladhu ta namaatu najalaa xureeessa jedhee as keessaan ergaa dabarsaafii jiru qabaadhuu baadhullee dubartii durriyyeen cireefii laaqana godhachuuf qofa itti taphataa jirtu arguun waan nagaddisiisuufiin dubbadhe.

Yoon isin mufachiise dhiifama naaf godhaa🙏.

Kanan Argerraan isiniin waa jedhe!
~~
Galatoomaa.
Shamil N Mohammed
~~
@orolovechats


Shamil N Mohammed Officials dan repost
Na dhagayi ....🗣

An waaniin sirritti si hubadhuufiin dubbii ijoo tana sitti haasawuuf deema. Ol ja'ii sirritti na caqasi..

Obboleeysa kiyya hanga dandeeysu osuma fiigaa jirtuu jireenyi fooyya'uu didee si harkaa gadoo deemaa dhufee mii ? Ee!... Didee si harkaa dachii tuqee jira. Kan yaadde hundi tahuu didee waan gootu dhabdee harka marattee ta'aa jirta. Waan si barbaachise arkachuuf fuula namaati eeyda.

Rakkoo keeysa jirta, akka keeysaa baatuufillee namuma xiqqo siif tinnisu tokko hin qabdu. Namootni si marsanii karaa guuttanii waliin deemtanii fi guuttanii tetteeysan kun sitti wacuu malee rakkina keetiif qaama furmaataa tahuullee akka hin dandeenye hubattee jirta... Koottuu hojii jalqabi osoo siin ja'aniihuu waan taaksii qarshi shan hin qabdu, namni siif kennuus hin jiru.... Kan si yaamaa jiran noolii dhabdee, sadarkaa "Tan rabbiin naaf qoode hin kuttuu dhiisi " jettee firraa itti dhiiftu bira geeysee jirta.

Murteen tee tun sirrii taatullee, sababuma xiqqaa kana godhuu hanga dadhabdu bira gahuun kee immoo ciisa sitti hin dhiisuu, rafaa hin jirtu. Yaadaa fi qaaxiraan tun fuula kee xaliila bareedaa san gubdee hanga namoonni duraan si beeku si wallaalutti si jijjiirte.

Walumaa galatti amma ati wahuu takkalleen si harka hin jiran.... Farankaan duraan harkaa qabdu dhumtee harka duwwaa haftee jirta. Fuulduree fi hegeree tee hoggaa yaaddees wanti hedduun takka waan baddee jirtu sitti fakkaachaa jira. Arruma faa dabaruu jetteeti sadarkaa keetirraa gadoo bu'aa jirta. Waa'een keetii si bira dabree, maatii kee jeeqaa jira. Ati kana hundaatu sammuu keetirratti wal gahee si boochisa. Warri tana hunda siif hin hubanne immoo bakka deemuu fi taa'tti jechaan si waraana. Sii booyu yoo si arkan faa inuu gaa ajandaa taphataniin taateefii jirta. Siin taphatan.

Dhiirti hin boochuu hin booyin siin ja'an, garuu kalee si tuttuqee illee si kofalchiisuuf kan fedhii qabu tokko hin jiru... kofla kee hin fedhan, haggaa ati qalbii cabsite, yoo dhiphatte, hoggaa ati mataa buufte, hoggaa hamileen kee si caphe...... "Dhiirti akkana tahuu hin qabdu" siin jechaati duubaan diina kee qubaan tuttuqee laal je'ee itti si garsiisa. Tokkolleen kan gammachuu fi seeqinsa kee barbaaduu hin jiru. Ati sodaa namaatiif bakka itti rakkattu hin qabdu. Bakka itti mataa buuftee deemtu hin arkattu. Ilma namaatiifuu bakka teeysee "hiq hiq" jettee boochu hin qabdu.

Obboleeysoo namni maal naan ja'a jettee xiqqoofillee miira kee accept godhuu hin dhiisin. Wanti si dhiphisu yoo jiraatte, wanti si boochisu jiraannaan, sodaa takka malee dhiphadhu. Sirritti "nyaq nyaq" ja'ii lafa tumii booyi. Qalbiin si caphuus caphsi, mataa buusi, akka gaaritti hanga ijji si diimattutti firraa booyi. Boochee hoggaa fixatte imimmaan kee firraa haqi, alatti gad bahi, bishaanuma irraa qama'aanii oolte san fudhuu fuula kee dhiqadhuu qoorfadhu. Hoggaa qoorfatte, manatti ol deebi'ii qalamaa fi xalayaa xiqqoo takka fudhadhuu akkana ja'ii barreeysi.. ✍️

"Dhiirti rakkinaa jecha hin boochu ja'an, garuu an kunoo booyeetiin jira. Imimmaan "huruurrr" godheetiin mallaa tiyyarraan lafatti gad dhangalaase. Rakkinaatu hedduu natti ulfaatee ture. Amma booyee fixadheetiin jira, kana booda jireenyaan jiraachuu qaba, jajjabaachuun qaba, marxifachuun qaba..."

Jettee barreeysitee hoggaa fixxe qalama kiisha kofootti deeffadhu, waraqaa immoo document achi jirtu biratti jabeeysii........ "Alhamdulillaah, yaa rabbi nagayaan nu oolchitee nagayaan nu bulchi" je'ii rafi...... Ganama yeroon ka'ii gara deemtu deemi. .....🙏

Khalaas....!

Ame Alati

@sammuukeef




"Namni tokko namoota biroo meeqa haa qunnamuu, yoo dhugumaan si jaalate, miirri inni siif qabu hin jijjiiramu. Jaalalli dhugaa hatamuu hin danda'u! ❤️👌"

Akka inni akkas tahuuf;

1. Akka namni takkaa isa dhungatee hin beeynetti isa dhungatuu beekuu qabda.
2. Akka namni takkaa qaama isaa kunuunsee hin beeynetti isa kunuunsuu beekuu qabda.
3. Nama hundaa ol isaaf xiyyeeffannaa kennuu dandahuu qabda. (Yeroo inni haasahu haasawa biraa dhaggeeffatuu dhiiftee isuma qofaaf gurra kennuu, taa'umsaa fi deeminsa ammas qulqullina isaatiif isaa ol yaaduufii qabda....)
4. Yoo inni yaaddawe maal dhabde jettee osoo hin gaafanne waan akka niiraa faa kennuufii.
5....

Yoo kana goote abbaan fedhe sirraa fudhachuu hin dandahu. Keessaafuu tokkoffaa hanga sadaffaa faa.

@orolovechats


Fakkeenyaaf:-
•Gaafa si bira dhuftu bilbila ishee 'Silent' (🔕 )irra godhatti taanaan
• Si'i isa affeere dhiistee waan ati affeerte sana waliin Selfie (🤳) kaatee, "Oolmaa bareedaa ture" jettee 'post' gooti taanaan
• Bilbila ishee 'Flight Mode' irra goote gadi garagalchitee keessi taanaan
• Lakkoofsa bilbilaa kee maqaa keen qabattee hinjirtu taanaan
• Irra deddeebitee, "Akka wal agarre namni tokko beekuu hinqabu!" jetti taanaan
• Beellamtee dhuftee utuu gadi hintaa'in "Nan gala" jechuu baay'isti taanaan
• Utuu waliin teessuu; asiif achi, oliif gadi, garanaaf garas, ilaaluu garmalee baay'isti taanaan
• Maqaa dhiiroota baayyee waamtee "Abaluu waliin obbolummaa walitti dhyaanna. Abaluun mucaa adaadaa kooti, Ekeleen ammoo Ekeluu kooti..." jechuu baay'isti taanaan!
Ati juusii bor namni biroon xuxxuuttatu har'a biqiltuu isaa guddisaa jirta jechuudha. Isheen si malee dhiiroota sabaaf sablammii meeqa qabdii dammaqi Addaam!

@orolovechats


Shamil N Mohammed Officials dan repost
Qarshii Ethiopia Kuma Shantam ( 50,000 ) yoo qabaatte daldala (business) akkamii jalqabdee ittiin jijjiiramuu dandeessu muraasa

1. Small Coffee Kiosk (Bunna Bet)

Budget Breakdown
Coffee machine & utensils: 15,000 ETB
Rent for a small space (3 months): 9,000 ETB (3,000 per month)
Coffee beans & supplies (sugar, cups, milk, etc.): 8,000 ETB
Chairs and tables for customers: 7,000 ETB
Business registration & permits: 3,000 ETB
Miscellaneous & emergency funds: 8,000 ETB
Total Investment: 50,000 ETB

Profit Estimation
Daily sales: 100 cups at 15 ETB = 1,500 ETB
Daily expenses: 700 ETB (supplies, rent, utilities)
Daily profit: 800 ETB
Monthly profit (assuming 26 working days): 20,800 ETB
Break-even period: ~3 months

2. Poultry Farming (Small-Scale Chicken Rearing)

Budget Breakdown
100 young chickens (day-old chicks): 10,000 ETB
Chicken feed for 3 months: 15,000 ETB
Chicken coop & equipment: 12,000 ETB
Vaccination & veterinary costs: 3,000 ETB
Miscellaneous & operational costs: 10,000 ETB
Total Investment: 50,000 ETB

Profit Estimation
Eggs from 100 chickens: ~80 eggs per day
Selling price per egg: 6 ETB
Daily revenue: 480 ETB
Monthly revenue: 14,400 ETB
Monthly expenses: 7,000 ETB
Monthly profit: 7,400 ETB
Break-even period: ~7 months

3. Small Mini-Mart (Duka/Convenience Store)

Budget Breakdown
Initial stock (sugar, oil, flour, soft drinks, etc.): 25,000 ETB
Shelves & storage: 10,000 ETB
Rent for 3 months: 9,000 ETB
Business registration & permits: 3,000 ETB
Miscellaneous expenses: 3,000 ETB
Total Investment: 50,000 ETB

Profit Estimation
Daily sales: ~2,500 ETB
Profit margin: ~20% (500 ETB)
Monthly profit (assuming 26 working days): 13,000 ETB
Break-even period: ~4 months

4. Mobile Juice & Smoothie Business

Budget Breakdown
Blender & juicer: 8,000 ETB
Fresh fruit & ingredients (first batch): 10,000 ETB
Cups, straws, and packaging: 5,000 ETB
Rent for a small space or cart: 7,000 ETB
Business registration & permits: 3,000 ETB
Advertising & marketing (signboards, online ads): 5,000 ETB
Miscellaneous costs: 7,000 ETB
Total Investment: 50,000 ETB

Profit Estimation
Daily sales: 80 cups at 25 ETB = 2,000 ETB
Daily expenses: 1,000 ETB
Daily profit: 1,000 ETB
Monthly profit (assuming 26 working days): 26,000 ETB
Break-even period: ~2 months

5. Printing & Photocopying Business

Budget Breakdown
Printer & photocopier: 20,000 ETB
Paper & ink supplies: 5,000 ETB
Desk, chairs, and basic furniture: 7,000 ETB
Rent for 3 months: 9,000 ETB
Business registration & permits: 3,000 ETB
Miscellaneous expenses: 6,000 ETB
Total Investment: 50,000 ETB

Profit Estimation
Daily sales: 200 pages printed/copied at 5 ETB = 1,000 ETB
Daily expenses: 500 ETB
Daily profit: 500 ETB
Monthly profit (assuming 26 working days): 13,000 ETB
Break-even period: ~4 months

Among these, the Mobile Juice Business has the highest earning potential and fastest break-even period, while the Coffee Kiosk is a stable, long-term business. Which one do you like the most? I can refine the details further!

@sammuukeef


Ilma dhiiraatiif...🗣

Irra hedduun keessan Muaasii fi Juneeydi akka fakkeenya godhattan nan beekha garuu dhugaatu jira. Yoo dargaggeessa wilii bultii jaaru taate, obboleessa khiyya "jaalala, jaalala" jettee dhalaa jala hin fiigin. Warri arra if beeysisuuf sochaal miidiyaa fayyamu khun, haala kamiin akka mi'aa yeroo takkaa ykn maallaqa argatan qofa yaadan. Kharaan ittiin san argatan ammoo harmallaa maallaqa qabdu barbaadanii sossobuufi kijibaan nama shawwaduudhaani. Sun ammoo hegeree ilmaan booda horuuf kharoorsiteetiif abaarsa taha. Be normal. Suuta ja'i.

Baradhu, dalagadhu. Eegasii ammoo waan fuutuun qopheeffadhu. Maatii tee bira dhaqii, warra irraa hidda qabsiifatan naa laalaa je'iin. Bulti jaaruu deemta. Lammaffaa dhalatuu deemta. Warra nagayaa irraa intala fuudhi. Warroomfadhu, utubaa jiruu teetii godhi, isirraa firii ilmaanii hori. Hin bololin. Hin shashakharin!


Galatoomaa!

@orolovechats


“Xiyya summii qabuun na waraanee bade” jette Imaan.


Kiilo-meetira 5 nurraa fagaatte argamti tulluun dheerina giddu-galeessaa qabdu tokko. Nu biratti baay'ee waa daawwannee dinqisiifachuun baratamaa miti. Namoonni biraa fageenya dheeraa qaxxaamuranii dhufaanii yeroo isaan daawwatan namoonni naannoo keenyaa garuu namoota dhufan san daawwatu.

Guyyaa tokko waaree booda saa'atii galgala aduu lixaaf kaateen manaa bahee gara tulluu sanii imale. Gara lixa aduutti gara galee taa'ee uumama daawwachuu eegale. Namni tokko dhufe gama harka mirgaa koon na bira taa'ee "maaf qophaa teessa?" naan jedhe. Anis yeroo takka qofa mil'adheen jalaa callise. "Aduun tun amma ni lixxi turti saa'atii 12 booda ni dhufti. Guyyaan har'a kun darbeera guyyaan kana fakkaatu deebi'u danda'a. Garuu guyyaan kun goonkuma hin deebi'u" jedhee na biraa deeme.

Yeroo ofirraa gadi ilaalu tulluu irraa gadi bu'aa jira. As gara galee yeroo takka natti seeqe. Anis isa boodaan gad bu'ee gara manaatti gale. Jechoonni inni dubbate keessa kiyyatti gaaffii guddoo ta'ee osoo deebiisaa barbaadu hirriba malee bule. Guyyoota baay'ee saa'atii san fakkaatu tulluu irratti deebi'us isa arguu hin dandeenye. Eeyye akkuma inni jedhe, dhiirota biraa baay'ee argeera, anas dubbisaniiru. Isaan hundumaa keessa ani isan barbaada.

Xiyyaa summii onnee kootti darbatee summiin qaamota koo hunda keessa faca'ee sadarkaa na balleessuu irra ga'eera...... Itti fufa

@orolovechats


Yaa tan hogga aduu naaf qabbanaa
Yaa tan hogga roobaa naaf dahannaa
Ija duraa yoo na dhabde si dhukkuba
Na agarraan hunda jiruu siitu qaba.🥹

Siif haa tahu qaamni kiyya haara galfii
Cinaacha koo, bantuu jiruu akka qulfii
Hidda keetu, tolee mayre na kheessatti
Tanaaf aadda si dhukkubee qaamni marti😔.

Dagalfattee hidda dhiigaa ana kheessa
Hunda caalaa na dhabuutu si yaaddessa
Hangan jiru siifin baqa jiruu tiyya siif if kennee
Ati ana ruhii tiyya, qaama keessa siitu seene.🥰

Shamil N

@orolovechats


Breakups are so scary. You spend days, months and years doing everything together. And one day, you wake up having to live life on your own again. 🥹😌🥹

@orolovechats


Dargaggeessaaf....

Akka dargaggeessatti yeroo ammaa tana dargaggeessi jaalalaaf fadhii isaa “control” godhu lakkoofsaan muraasa tahaati deemu jira.

Dubartii takka arkinaan guntuta isii, taa'aa isii ija itti baasee eega, achi booda qaamaaf qalbiin isaa gara fadhii isaa guuttachuu yaadutti duruu kutte. Sab-himaalee miidiyaa hawaasa (Social media) irratti yeroo lama “text” wali deddeeffannaan sadaffaa irratti miirri isaa duruu oowwe, “just” waan hirriibaa qofa yaada. Jaalalleen qabadha ja'ee yoo qabatees torbee tokko waliin haasahee jannaan torbee lammaffaa dubbiin isaa marti duruu waa'ee guntutaa fi taa'aa isiitiin isii faarsuu qofa tahe. Yoo isaaf hayyamte immoo waan biraa yaada.

Kuni immoo dargaggummaa teetti xiqqo takka xiyyeeyfannaa tee gara waan gaaritti akka hin xiyyeeyfanne godha, dubartiifiis ilaalcha gaarii akka hin qabaanne godha.

Yeroo takka mataa kee keessaa baasi mee miira kana. Yoo umrii dheerattee jiruun jiraatte fuuteeti takkitti tee waliin akka seenaa dabre dagattutti yaada kee qabbaneeffatta. Yeroo san immoo “duruun guyyaan kuni dhufee ? bagaan waan hanganatti dhufu kanaaf xiyyeeyfannaa koo guutuu asirratti hin godhini” jatta.

😒Dhimma hunda hirriibaa fi fadhii keetiin wal hin qabsiisin. Dargaggeessa hariifa tokko tahimee, fadhii tee bahachuuf odoo isiin haala siif mijjeessiteehuu “kun wanta miira kiyyaafii fuul duree kiyyatti cilee dibuudha, ani nama kara deemaa akkanumatti jiraatuu miti, kaayyoon lafa tana irra jiruufiin qaba, duuyda kiyya keessa dhiiroota lafa tana jijjiiruuf taa'antu jira ani “energy” kiyya asitti fixuu hin fadhu, karaan dheeraadha!” ja'iin.

Ija tee guntutaafii taa'aa irraa ol kaasiitii “energy” kee toohadhu. “Energy” bifa kanaan toohatte immoo waggaa tokkoof lama booda bakka inni siin gahu ni arkita. Barruu tana "save" naaf goradhu.

Kedir Mohammed Raabii

@orolovechats


Gaafii:

Dhiirti takka dubartii dubrummaa qabdu qofa fuudhuu qaba, dubartiin osoo hin heerumin dubrummaa alatti gatte dhiirti fuutu hin jirtu osoo je'amee, akkasumas, dhiirti dubartii takkarraa dubrummaa balleeyse dubartii dubrummaa hin qabne qofa haa fuudhu osoo je'amee, ati seera kana ni deeggarta moo ni mormita? Aadaan akkanaa, yookiin amantiin seera akkanaa baafattu takka osoo jiraattee namni osoo wal hin fuudhin wal qunnamtii saalaa (zinaa) dalaguu ni xiqqeeysa moo hin xiqqeeysu jettee yaadda?

Dhiiraaf: Ati fuudhuu gaafa feete dubartii dubrummaa qabdu filatta. Garuu fedhii yeroo qofaaf hayyamamtuu taanaan dubartii dubrummaa hin qabnee mitii haadha dhiiraatuu hin filattu. Mee ati dubartii dubrummaa qabdu feeta, garuu ati ifii dubartii meeqa yoo laayxe, ta ati laayxe tana eenyuuf qoodde?

Gaafii xumuraa: Bultii keeysatti dubrummaa qabaachuu fii qabaachuu dhabuun dhiibbaa ni qaba jettee yaaddaa? Ati dubartii akkam filatta?

Nas Has

@orolovechats


Elaa...
Tiifuu gannaaf garaa jala
aduu bonaaf dugda gubbaa
Sin keewwadhu jaldeessomee
eenyummaan kee bar na cubba
Dibaabee keen ta'a malee
Gaaddisa miixadhee siif dhalee
Ergan dallaa kee ol galee
Erga albeen kee na qalee...

Ee...👇

Madaa keetu na gugguba
na qaammata
Malaa keetu na dhukkuba
na raammata
Dhukkuba keen yeelalaa'a
Hagabuu keetan beela'a
Halaala taa'een siif gomma
Qorra kee qaamni na romma

Maaltu fura dhibee garaaf
madaa qubaa
Yoon akkam siif ta'e
baata luba?
Situ kufa natu dhiiga
Natu caba situ fiiga
Akkami hiikni jaalalaa
Sin yaada taa'ee halaala
Aanaakoo
Masifadhuutii na waami
Fala argannaan natti dhaami

© Kenbon Abraham

@orolovechats


Dubri keenya kan biyya Arabaa jiraattan Qalbii Horadha. Dhiiruma hundaaf onnee teessan hin banina.
:
Dargaggeessa tokkotu karaa Facebook shamarree biyya Arabaa jirtuun walbare. Utuma waliin haasa'anii garaagarummaa baatii ja'a gidduutti isa arguuf gara biyyaa dhufti. dhuguma jaalalan jireenya jalqaba jettee waan qabdu hunda guurrattee isa bira dhufte.
:
Innis simatee mana kireeffatee galutti utuu warri manaa hin argin dhoksee mana galche.
Yoo maal godhe isin ajaa'iba.gocha namummaa gadhiise ..
:
halkanuma sana mana keessatti ajjeesee reeffashee manichuma keessatti uffataan aguugee waan maallaqatti jijjiiramuufii dandeessu fudhatee alaan itti qollofee deeme. Akka teessoon isaa hin argamneef ammoo warra mana irraa kireeffateen waraqaan enyummeessaakoo waan badeef 'national Identification 'ittiin baafadhaa koppii isaa isan isin biraa qabu naaf kennaa jedhee deeme.
:
Deemeehoo?
:
Safararraa xiqqoo tokko siqatee mana biroo kireeffatee ishee calleeffateen bashannanuu itti fufe...
:
Reeffi intalaa maaltaheree?
:
Torban tokko booda warri manaa foolii dhadhaga'anii waan isaa galuufii dideetu poolisiitti gabaasan.Poolisoonnis yeroo deemanii mana 'qulfii'kutanii seenan reeffa namaatu Jira.Nama akkamii akka tahe garuu eenyullee beekuu hin dandeenye.warri kireessanillee jechuudha.
:
Argaa gara jabina namaa!
:
Sanumaan reeffa hospital galchanii qorannoo itti fufan. Poolisi fi humni tikaa (National Intellegence )akkata itti to'achuu dandamu barbaadu itti fufan. Guyyaa wayii mana kiraayii karaa baankii akka kaffalee jiru odeeffannoo waan argataniif baankiirraa lakkoofsa bilbilaasaa argatanii GPS 'dhaan bakka inni taa'ee dhugaatiin baacuu to'atan. Waan nama ajaa'ibu safarallee hin jijjiirranne xiqqooma aspaaltii qaxxaamuree mandara jijjiirrate malee.
:
Waan baay'ee garaa nama nyaatu garuu maatiin intalaa ammallee waan beekan hin qaban amma har'aattis quunnamuun hin dandahamne.
Yoona akkasheen biyya Arabaa jirtutti beeku.
:
Taateen Kun Magaalaa Finfinnee,Kutaa magaalaa Boolee,Aanaa 12'tti kan raawwate
:
Intali Oromoo yoo taatu inni immo warra biraati dhiroo shamaran keenya of eeggadha keessa iyyu warra dhiira saba biro walin ta'u akka araadumatti lakkoftan....dhiironis gara jabina akkasii dhiisa. Kun namummaa hin madalu. Dubri keenya namuma naannoo keessani kan waa'ee isaa beeytan, waa'ee keessan beekkutti madaqa.
:
Intalti tun osoo obboleetti tee taate akkam taata mee? Nama dhalaa wajjiin dhalate moo jettaa? Lakki, ni guggubatta.
:
Ebisa Hirpha

@orolovechats


Ilma tokko qofa qabdi, tokkichi sunuu duula deeme, duula deemee lolee diina hedduu booji’ee boodarra qaama isaa bakka heddu rukutamee humna fixatee kufe.
Bakkuma kufetti ciisee harmee isaatiif xalayaa barreesse.
Xalayichis akkas jedha..

“HARMEE … ani ilmi kee diina hedduu booji’ee lolee lolchiisee injifannoon xumuree lolas moo’annee jirra! Abjuu koos milkeesseen jira (abjuun isaa sireerrs ciisee du’uu osoo hin taane, lola keessatti wareegamuu ture)
Kanaafuu harmee ani ilmi kee dhufaan jiraa karaan jira hanga ani dhufuu namoota naannoo keenya jiran hunda affeerii sagantaa laaqanaa qopheessii na eegi.
Yeroo affeertu ulaagaa tokko guutuu qabu. Ulaagaan sunis namni affeerraa kana irratti hirmaatee nyaatu kamuu nama garaan madaa hin qabne. Nama gaddee hin beekne nama gadda tokko hin qabne, miidhamee hin beekne, nama namni tokko maatiin ykn namni inni jaalatu firri irraa du’ee hin beekne ta’uu qaba”
jedha xalayichi

jedheenii xalayaa of dura erge! Haatis akkuma inni jedheen qopheessitee nama hundatti ergaa ergitee yoo saa’atiin gahu, namni tokko hin hirmaanne! 🤔

Namni maal tahe sila jettee deemtee yeroo hoogganaa waraanaa biyya sanaa bira deemtee gaafattu, innis akkas jedhuun deebiseef

Laal ilmi namaa kamuu gubbaa ilaallu nagaa qaba gammachuu waba fakkaata malee hundi keenya garaan keenya madaa qaba inni kuun ilama dhabee, kuun abbaa manaa inni biraa haadha abbaa , abbaa manaa fi obboleessaa fi obboleettii firaa fi ollaa maatii hedduu kuun dhibeen kuun lolaan kuun rakkinaan dhabee jira! Maarree imli kee wareegamee jira reeffa isaa dura xalayaan kun akka si gahu nu gaafatee dursinee sii ergine!

Ana qofatu nama jaaladhu dhabe jettee hin gaddin saniif namni hundi affeerraa keetirraa hafe!
Jedheenii sana booda reeffa ilma ishee agartee kuni qooda nama hundaa tahuu hubattee ilma ishee awwaaltee affeerraa laaqanaa maqaa ilma isheetiin nyaachiftee obsite!

Maarree ana qofatu rakkina keessa jira jettee hin gaddin addunyaan qormaataan guuttamtuudha!

@sammuukeef
@orolovechats


7 TRUTH WE ALL HAVE TO ACCEPT.

1. You either have a supportive companion or you don’t. There’s no middle ground.

2. If someone can’t acknowledge their own flaws, it’s a clear sign of a lack of self-awareness.

3. The best way to get back at someone is to reach a point where you no longer feel the need for revenge.

4. A relationship doesn’t succeed just because you’ve invested time in it.

5. Self-respect stems from self-control. You won’t truly respect yourself if you’re constantly seeking approval from others.

6. Don’t allow your time and energy to drain away into social media, overthinking, and superficial relationships.

7. If you keep believing that your happiness lies somewhere else, it will always remain out of reach.

@orolovechats


Ay Jaalala. Dhugumatti jaalalli waan tokkoof nuti qabnu humna guddaa nurratti qaba. Miiraa jaalalaa ulfaata san keessa teenyee muda waan jaalannee san arguu hin barbaannu. Osuma argines guutuu gooneet himna.

Kaleessa nama sirnicha kana deeggaru waliin osoo taa'uu innumti osoo fb keessa deemu Intala takka tan gadooddee boochu banee dhageeffata. Anis itti dhiyoo waan jiruuf nan dhaga'e. Intalli akkas jettee quuqaa ishii ibsatti. "Waggaa afur guutuu mana itti laffaanee ijaarre nurraa diiganii haadha koos hidhan. Haatii tiyya hidhaas baatee waan itti dhaadataniif gara Finfinnee imalte. Ijoollee lama daa'ima ta'antuu mana keessa jira. Namni isaan gargaaru hin jiru" jechuun booche. Baay'ee garaa na booressite. Namni ishii banee dhageeffate sun itti kolfee “dura maaf seera malee ijaarte?" jedhe. Jaalalli sirnichaaf qabnu akkas miira namummaa nurratti ajjeese jechuudhaa?

Eelaa mee yaa nama koo! Guyyaan har'aa kun bor hin deebi'u. Kaleessis darbeera as hin deebi'u. Sirnoonni kaleessaas achumaan dhaamaniiru. Sirni kunis bor ni darba. Ummanni rakkatuus bal'atuufis inuma jiraata. Ati garuu abbaa feete jaaladhu, yoo feetees deeggari. Garuu waan darbuuf jettee miira namummaa hin dhabin! Waan bor itti qaanoftu har'a miira jaalalaatiin hin raawwatin! Guyyaan kun darbee gaafni nama taanu ni dhufa Inshaa Allah! 💔🥺




Kamtu irra wayya❓

Maatii 1ffaa. Haati manaatiifii abbaan manaa abadan walumaahuu hin lolan, ammaas abadan gad taa'aniitumaahuu waliin hin mariyatan, waliinillee qoosaa hin godhan, yeroo cufa nagiya wal gaafatan walirra callisan... garuu wal dhabdeeen takka isaan jiddutti hin uumamtu.

Maatii 2ffaa. Haati manaaf abbaan manaa deddeebisaniituma wal lolaa oolan, ammaas yeroo nagiya wali qaban amma amma haala mana keessaa waliin mariyatan, yeroo carraa argataniis koflaniiti waliin taphatan garuu wal dhabdeen isaanii amma amma uumamaa oola.

Maatii kana lamaan kamtu irra wayya, kamtu irra gaariidhaasi?

Telgram @jaalala_qulqulluu 💔

@orolovechats


Dhiira ta'uun moo ? 🗣

Guyyaa dura ati dhalattu, abbaa keetiif "dhiiratu dhalateef" ja'anii firaa fi ollaan gammachuu qa'ee kessan guutanii si simatan. Achi booda abbaan kee abbaa dhiiraati ja'anii "Abbaa Abaluu" jechuudhaan maqaa keetiin yaamuu jalqaban. Ol kaatee miilaan deemuuf osoo daddaaqaa deemtuu yoo kufte illee "Dhiirti hin boochu" ja'anii booyuu si dhoorkan. Ati osuma dhukkubbiin sitti dhaga'amuu qaanfattee callisuu filatta.

Gaafa xiqqo ol guddatte immoo, obboleettiin kee "beela'e" yoo jattee....haati kee,"Deemii hajjadhu harkaatu si beekaa" jettiin, ati niin beela'e jettuun hojjattee siif kenniti...(ilma dhiiraati) jettee. Atii fi obboleettii gara gara godhuun kun immoo booda dirqamni gurguddaan tokko akka si eeggachaa jiru sammuu kee akka amansiisaa dhuftu si godhuufi.

Xiqqo hoggaa jabaatte....sister tee wajjiin mana barumsaa irraa dhuftee, haati kee " ati kan dhiraa deemii bishaan waraabi, dhalaan si biraa ba'aa hin fuutuu deemii daakuu tana geessi.." jetti.. kaatee deemta...

Tokko sister tee rakkisee "aniis obboleessaan qaba" jettee isiin booyaa sitti dhufti....shamiza kee harka olmarachaa fiigaa dhayxaaf...boksi, dhiiticha, teesta, dhagaa fi uleen dhukkee walitti kaaftanii kan biyyee quufe kun galta..

Amma xiqqo ol guddattee qama'uus jalqabdee waan barcaa barbaadda... "Dhiiraa mee haa qama'uu dhiisi ja'anii guyyuu waa sitti kennan.... Gaafa biraa sister'n uffata naaf miici jennaan si diddi... washee qallishee takkaan xiqquma miila jala.... Abbaan kee "miciyyoo tiyya na jalatti tumtaa boo ?..... kana booda biyyeedha qamaata" ...Torbee lamaaf barcaan hin jirtu..😪

Haaluma akkanaa kana keeysatti 'entrance' fudhattee yoo dabrite University seenta... ( Ykn immoo "college'n maallaqaan baradhaa ?" jettee qansiraa barbaacha... Saudi Arabia, Yemen fi UAE )...Osuma akkasii barnoota xumurta...

Barnoota xumurtee hojii dhabda (ykn mindaa xiqqaa tokkoon qacaramta..)...maatiin kee "ilmi keenya barate ja'anii sii gammadan, ni jijjiirama ja'anii si eegan... kana hudaatu si jeeqa....

Matiin kee "ilma dhiiraa kan barate qabna, ilmi keenya nuuf barate ja'anii sittiin boonuun isaanii, aarsaa warri kee kafalee si barsiise beekuun, ammatti ati mataa kee bira dabree maatii jijjiiruun dirqama kee ta'uu beekuu fi carraa kee kan bade kana wal bira qabdee yeroo ilaalte volcano mataan si baha....

Amma umriin keetiis diiddamii maal ykn soddam hin sodaattu... Haati kee "wanni biroo haa haftuu gurbaa kana qabaatii naa fuusisaa" jettee namoota si beeku hundatti dubbatti... ( Ati waan jibbite qabda malee yoom fuudha jibbite ree ifiin jetta..)

Amma kophaa teessee itti yaadda....akkatti itti laaltee akkas jettee murteessita.. "Waanti godhuu qabdu.... ati dhiiramii ? Ee dhiira..!

Akkuma carraa intala takka wajjiin wal baruutu jira... akka duritti amma ashooffiin hin taatu...hin dhiisin, bakka caphxeen haa yaaftuu ji'i....hayyee!...walitti dhufuu qabdan.." jette murteessita.

Yeroo walitti dhuftan mucaatu dhalata...feetu muka, feetu dhagaa cabsitee guddifta.... Guyyaa mucaan dhalatu irraa kaaftee ati waa'ee mataa keetii dhiiftee isuma qofaaf jiraachuu demta. (akkuma abbaa keetii jechuudha).. Amma xiyyeefannaan kee hundi gara mucaa keetii deebi'a.

Itti seenta, ni ceeta, ni huurkita, mucaa kiyya jetta, ganamaan kaatee yoo feete, ba'aa guurta.....mucaa keetiif ba'aa guuruun si gammachiisa..ni gammadda.

Osuma akkasii guyyaa tokko wanti hundi jijjiiramti, gammachuun ajaa'ibaa takka dhufti, Alhamdulillaah jettee galata rabbiif galchita... Uuuf jettee haara galfatta... akkasi kunoo !!

Dhiira ta'uun ulfaattuudha...!!

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.