Yoo jabaattee hojjette ni guddatta; yoo jabaattee falmatte ni mo'atta. Ni kabajamtas!
Kaleessa "Afaan Oromootiin yoo Waaqeffatame Waaqayyo nidheekkama; balaa buusa. Taabotni hin galu" fa'aa jedhamee lallabamaa ture. Abbootaaa fi uummata keenyatti qoosamaa ture. "Afaan Oromoo Raadiyoonii cabsa" jedhamee miidiyaarraa dhorkamaa ture. Jechaa fi gochi sun qabsoo dhalootaan cabuu danda'eera. Afaan kaleessa jibbamaa, dhiibamaa fi cunqurfamaa ture sun, har'a afaan barnootaa ta'uurra darbee afaan miidiyaalee gurguddoo, afaan miidiyaalee hawaasaa fi afaan 'platform' hedduu ta'eera. Afaan teknolojii ta'eera. Afaan ittiin waaqeffatamu, ittiin lallabamuu fi faarfatamus ta'eera.
Ammoo hunda caala Etv Afaan Oromoo banamuun isaa agarsiiftuu guddaadha. Gama miidiyaan injifannoo gita hin qabnedha. Raawwii fi seenaa kana keessatti warri ashaaraa qabdan marti ulfaadhaa! Via Kanenus @segnigudeta @WABIISG